Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jireenyi Keenya Isa Du’een ol Isa jiruun Gadi Ta’e ! Kadir Martuu Eessa Jira?Kutaa 1ffaa


Yemeen keessatti hokkaraa fi wal waraansa waggaa tokko caalaaf gaggeeffame jalaa lubbu ofii oolfachuuf jecha baqatoonni waajiira UNHCR magaalaa Sana’aa jiru cinatti huccuu fi laastiika irraa dahannaa tolfachuun baatiilee kudhaniif jiraachaa turan.

Tajaajiila dhala namaaf barbaachisu kam iyyuu akka hin argatiin kan dubbatan baqattoonni kun hangi tokko waraqaa ragaa kan dhaabni baqattootaa isaan itti simate kanneen qaban kaan immo kannen iyyatanii dhimmi isaanii ilaalamaa jiru ta’u dubbatu.Giddu kana garuu, UNHCR iddoo biraatti isin geessina jechuun dirqisisee bakka nuti hin beeknetti nu deemsisaa jira.

Reebichaa fi dararaan adda addaa humna tikaa nageenya Yemeniin kan irratti rawwatanu ta’u kan ibsan baqattonni kun, guyyaa lamaaf nyaata ituu hin nyaatiin waraanaan marfamanii akka jiran dubbatu.

Gama kaaniin Sudaan keessatti dahannaaf iyyataa kan jiru wallisaa Kadir Martuu humnootii tika nagaan Kaartum keessaa qabamee hidhamuu baqattonni dubbatanii jiran.

Kadir biyya keessattis hidhamee ture kan jedhan baqatoonni kun, dabarfamee Itiyoophiyaatti kennama sodaa jedhu qabu.Oduu boodana nu dhaqqabeen immo kadir mana hidhaa Gsmali Ajnbi keessaa eessa akka geeffame hin beekamiin jira.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggeefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG