Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiruu fi Jireenya Godina Boranaa


Caama mudateen kan ka’e loon isaaniif margaa fi bishaan barbaacha lafa dheeraa akka deeman kan ibsan jiraatonni naannoo yaabelloo, waggaa kana keessa guyyaa 15 qofa rooba arganne jedhu.

Uummatta miliyoona tokko ta’utu keessa jiraata kan jedhamu godina Boranaa irra hedduun horsisee bulaa yoo ta’an hangi tokko immoo hojii qonnaa gaggeesuun jiraatu.

Dhaabni Tokkummaa Mootummootaa akka tilmaameetti loon nuusa miliyoona caalantu caama kanaan dhume. Kana jechuun 100 keessaa hark 50 hanga 70 kan ga’u ta’uu hojjatonni gargaarsaa ibsanii jiru. Haalli yaabello keessaa iddoo biraa irraa foyyee qaba jedhamus uummanni boqolloo fi dheedhoota ka biroo kiloo shan caalaa mana keessaa qaban hin jiran.

Ijoolleen offaa ykn muka boqqolloo jige xuxxuuxu, beela ittiin obsuuf.Jiraatonni gabaa dhaqanii waan nyaatamu bitachuuf maallaqa hin qaban.

Sababaan isaas madda dinagdee fi jireenya isaanii kan ta’an loon dhumaa jiru. Midhaan facaafamees karaatti hafe.Wanni abdiin eegamaa jiru tokkittiin rooba Hagayyaa ti.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG