Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabrummaan Waraana Qofaan Dhabamuu Danda’a: John Brown Qabsaa’aa Mirga Gabrootaa


Cancala namoonni akka garbaati Afrikaa irraa fudhataman ittin harka hidhaman keessaa tokko. Amma musiyeemii maqaa John Brownin baname keessatti argama
Cancala namoonni akka garbaati Afrikaa irraa fudhataman ittin harka hidhaman keessaa tokko. Amma musiyeemii maqaa John Brownin baname keessatti argama

Gareen John Brown-n hoogganamu bara 1859 keessa ture tuullaa meeshaa waraanaa US kan Harpers Ferry, West VA bakka namoonni keessatti wareegaman to’annaa jala kan galchan.

John Brown (1800 - 1859)
John Brown (1800 - 1859)

Dennis Fyre Hayyuu seenaa ti. Johan Brown lammii Ameerikaa aarii qabu ittiin jedhan. Hedduu nama mufatuuf gabrummaa biyyattii keessaa dhabamsiisuun kan danda’amu waaltaa sana hookkara kaasanii dhabamsiisuu, keeessumaa waraana banuun balleessuu isa jedhutti amana jedhan.

Brown fi gareen isaa mootummaa Ameerikaa jalaa meeshaalee waraanaa kuma 100 ta’an saamuu dhaan garboota gurraachotaa fi warren adii gabrummaa dhabamsiisuuf lolaniif raabsanii tattaffii motummaa gargalchuu karoorfatan. Bara sana kutaalee US hanga tokko keessatti gabrummaan seeraan eeyamama.

Dennis Frye hayyuu seenaa gameessa kan Paarikii seena qabeessa kan Harpers Ferry akka jedhanitti John Brown qonnaa kutaalee US gama kibbaa irraa garboota hedduu qindeessan.

Karoorri inni hafe ennaa isaan gara dachee kakuu, dachii walabaa fi daangaa kutaa gabrummaan keessa jiruu qaxxaamuranii gara dachii walaboome kan gama kaabaatti ennaa imalan ittisa waraanaa kennuufii dha.

John Brown West VA Harpers Ferry kan jiru tuullaa meeshaa waraanaa erga to’ateesa’aatilee booda loltoota bakka tuullaa meeshaa waraanaa sana jiraniin marfame. San booda lubuun utuu jiruu booji’ame.

Dennis Frye akka jedhanitti John Brwon kusaa meeshaa waraanaa sana keessaa harkisamee baasamuu dhaan magaalaa dhiyeenya irra jiru charlestowntti geessamee san booda himatame. Ajjeechaa fi gabiinsa biyyaan himatame. To’annaa jala oolee torbanneen ja’a booda Muddee 2 bara 1859 akka ajjeefamu itti murtaa’e.

John Brown du’ee waggaa 158 booda illee tattaaffii inni gochaa ture ilaalchisee amma iyyuu falmiin geggeessamaa jira.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Gabrummaan Waraana Qofaan Dhabamuu Danda’a: John Brown Qabsaa’aa Mirga Gabrootaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:13 0:00

XS
SM
MD
LG