Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa London Keessaan Wal Qabatee Namoonni Lama Hidhaman:Poolosii London


Haleellaa London Keessaan Wal Qabatee Namoonni Lama Hidhaman:Poolosii London
Haleellaa London Keessaan Wal Qabatee Namoonni Lama Hidhaman:Poolosii London

Haleellaa paarlaamaa Briteen cinatti raawwateen wal qabatee har’a namoota itti dabalaa lama to’annaa jala oolchuu isaa poolisiin London beeksisee jira.

Komaanderri garee farra shororkeessummaa Marka Rowley ibsa itti dabalaa utuu hin kennin hidhaan sun baay’ee barbaachisaa dha jedhan.

Namoonni sagal to’annaa jala kan jiran ennaa ta’u tokko gad dhiisamuu illee ibsanii jiru.

Angawoonni poolisii namni haleellaa sana raawwatee namoota afur biilsa paarlaamaa cinatti ajjeese Khalid Maood ka jedhamuuf lammii Briteen amantii isaa Islaamatti jijjiirate fi yakka meeshaa waraanaa qabaachuu fi ka biroo qab jedhan.

Kan umuriin waggaa 52 Masood maqaan isaa dhalootaa Adiran russel Ajao yoo ta’u loltuu IS kan kaayyoo gareen kun siivilota fi waraana biyyoota isatti duuluuf michuu US ta’an akka haleelu dabarse bakkaan ga’uuf hojjetaa ture.

XS
SM
MD
LG