Xurree ittiin seenan

Jooraa - Godaantota Afrikaa Mul’achuu Dhaban


Gareen lammiiwwan Afriikaa uffee Sahaaraa gadii 104 ta’anii fi bidiruu laastikaan deemaa turan andaara galanaa Liibiyaa irraa fageenya kiiloo meetra 25 irraa jiran baraaramuuf eegaa jiru. (Rooyters)

Gareen lammiiwwan Afriikaa uffee Sahaaraa gadii 104 ta’anii fi bidiruu laastikaan deemaa turan andaara galanaa Liibiyaa irraa fageenya kiiloo meetra 25 irraa jiran baraaramuuf eegaa jiru. (Rooyters)

Awrooppaan baqqatoota lakkofsaan himuun nama dhibuuf buufata ta’un fi seenaan warra Siiriyaa, Iraaqii fi Afgaanistaan irraa waraana baqatanii godaananii midiyaa irratti oduu ijoo ta’uun ittuma fufeera.

Jireenyi fi haalli baqqattoonni Afrikaa, keesumattuu kan gamoojjii Sahaaraa irraa hamminaa jireenyaa fi jeequmsaa naanicha waliin dhahu jalaa baqatanii garuu oggaa imaala hammaataa kana giduutti yoo wayi ta’e malee dhageettii adunyaa argachuu hin dandeenye.

Bara 2015 qofa, lammiilee afrikaa gara 130,000-itti tilmaammamutuu imala baqaa seene. Baqattoota kana keessa bayyen isaanii iyyummaa fi gadadoo hidda gadi fageeffatee jireenya guyya guyyaatii gufuu ta’e kan qaamonni tokko tokko “bu’aa haftee Koloniiti” jedhantu sababa. Haala kana baqataan Gaambiyaa dhaa bahee amma Room jiru mucaan woggaa 16, Moorroo Saaneh, sirritti ibsee: “ gabaabummatt, akka namaatti jiraachuu barbaanna,” jedhe.

Jooraa - Godaantota Afrikaa Mul’achuu Dhaban caalaa natti agarsiisi >>

XS
SM
MD
LG