Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Mirga Gaazexeessitotaa (CPJ) Akka Itoophiyaan Gaazexeessaa Fiqaadu Mirkanaa Hiiktu Gaafatte


Gaazexeessaa Fiqaaduu Mirkanaa
Gaazexeessaa Fiqaaduu Mirkanaa

Gaazexeessaa Fiqaaduu Mirkanaa dhaaba TV fi Raadiyoo Oromiyaatii hojjata.

Akka gabaasa CPJ baaseetti nama kana Muddee 19,2015 ganama Finfinnee qabanii hidhan.Waan gaazexeessaa kana hidhaniif CPJ ammatti beekuu baatullee dhiyoo tana keessaa mormii master pilaanii Finfinnee gabaase.

Sue Valentine, qindeessituu sagantaa CPJ damee Afrikaati,NY jirti.

"Gaazexeessitotii akka ummatii mootummaa fi waluma irrallee odeeffannoo argatu tolchuuf qooda guddaa qaban,”jetti.”

Tanaafuu Fiqaaduu ariitiin hidhaa bahuu qabaa jetti,Sue.Fiqaaduu eessatti akka hidhan akka CPJ-tti maatii fi abukaatoon isaalleen hin beekan jedha CPJ.

CPJ waahee hidhaa gaazexeessaa kanaa bulchoota Itoophiyaa Finfinnee jiranii fi embaasi Naayroobii jiran irraa saatii barbaadetti deebii argachuu hin dandeennee jedha.

Itoophiyaan gaazexeessitota hidhuun akka CPJ-tti Afrikaa keessaa sadarkaa sadaffaa irra jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG