Xurree ittiin seenan

Prezidaantiin Oromiyaa Duraanii, Obboo Juuneddii Saadoo Maal Jedhu?

  • Namoo Daandii

 Obboo Juuneddii Saadoo , prezidaantiin Oromiyaa Duraanii

Obboo Juuneddii Saadoo , prezidaantiin Oromiyaa Duraanii

Dhaabbatni Dimookitaatawa Uummata Oromoo yokan DhDUON walga’ii koree giddu-galeessaa gidduu kana geggeesseen dura-taa’aa dhaabichaa – Obbo Muktaar Kadirii fi itti-aantuu isaanii – aadde Asteer Maammoo taayitaa irraa buusuu isaa beeksisee jira.

Dhaabbatichi dheengadda ibsa baaseen akka beeksisetti, Kibxata – Fulbaana 20, bara 2016 gara galgalaa irraa akka beeksisetti, hoogganoonni ol’aanoon lameen taayitaa gad-lakkisuuf gaaffii dhiheessan, koreen gidduu dhaabichaa simachuudhaan akka taayitaa gad-lakkisan sagalee guutuun murteessuu isaa beeksise. Bakka Obbo Muktaar Kadir, ka duraan afaan-yaa’ii Caffee Oromiyaa turan – Obbo Lammaa Magarsaa buusamuu isaanii, bakka aadde Asteer Maammoo immoo, ka duraan Ministara Geejjibaa Mootummaa Federaalaa turan – Obbo Warqinee Gabayyoo filatamuu isaanii dhaabichi ibsa baaseen beeksisee jira.

Ka duraan prezidaantii Oromiyaa turanii fi amma as Yunaayitid Iteets keessa jiraatan - Obbo Juuneddii Saaddoo maal jedhu? Obbo Juuneddii allee gaaffiileen falmsiisoon ka’an hedduu dha. Waaien ofiis, waa'ee jijjirama amma DhDUO keessatti ta'ees ni dubatan.

Gaafii fi deebii Kutaa Tokkoffaa

Gaafii fi deebii Kutaa Lamaaffaa

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG