Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Itiyoopiyaan biyya demokraatawaa dha jetti mormitoonni immoo kun uummatichatti qoosuu dha jehu


Filannoon Itiyoopiyaa geggeeffamuu torban shan dursanii Finfinnee kan seenan itti aantuun ministrii dhimmi alaa US Wendy Sherman filannoo kanaaf dhimmootii wal qabatan irratti yaada kennaniiru.

Tuuta oduuf ibsa kan kennanis ministrii dhimma alaa Itiyoopiyaa Dr. Tewdros Adhanoom waliin erga mari’atanii booda.

Ibsa korboreshinii sabaa himaa Itiyoopiyaan kan tamsaasame yaada isaaanii kanaan ministrittiin Itiyoopiyaa keessa kan jiru haalli dinagdee, kan dimokraasii fi filannoo fooyya’ina agarsiiseera jedhan.

Itiyoopiyaan Afriikaa keessaa biyyoota dinagdeen isaanii hatattamaan guddataa jiran keessaa ti. kan ifaa fi walaba akkasumas amansiisaa ta’a jennee filannoo nuti eegaa jirru fuula duratti adeemsisaa kan jirtu biyya demokraatawaa dha.

Itiyoopiyaan dimokraasii ishee cimsuu dhaan fooya’ina argamsiistee jirti. Yeroo filannoon geggeeffamu mara inni tokko isa kaan irra haala fooyya’aa deemeen.

Biyyattii keessa kan jiran angawoonni gareelee mormituu garuu yaada angawaatuu Ameerikaa kanatti walii hin galan.

Erga bara 1987 qabanii filannoo ture irratti kan hirmaatan dura taa’aan paartii Medrek kan yeroo ammaa professor Beyene Peexroos kanneen keessaa tokko. Adeemsi dimokraasii Itiyoopiyaa fuula duratti hin tarkaanfanne, innumaa iyyuu boodatti deebi’e jedhu.

Gareelee akka ginbot 7 dabalatee kan mootummaan Itiyoopiyaa shororkeessummaan himate mootummaa haala dimokraatawaan filatame humnaan fonqolchuuf yaaluu akka hin qabaanne US ni amanti jedhan. Kanaaf furmaata kennuufis mootummaa Itiyoopiyaa waliin cimsinee hojjenna kan jedhan Wendy Sherman addunyaan yeroo ammaa waa hedduutu ishee mudatee jira.

Itiyoopiyaan immoo biyya cimtuuf guddataa jirtu waan taateef nagaa fi tasgabbii akkasumas badhaadhinni dhufaa jiru akka itti fufu mirkaneeffachuu barbaanna jedhan. Biyyi isaaniis michummaa Itiyoopiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufuu barbaaddi jedhan jechuu dhaan Eskinder Frew finfinnee irraa gabaaseera.

Gama biraan immoo duraa ta’an paartii Ginbot 7 Dr. Brhanu Nega yaada itti aantuun ministrittii dhimmi alaa Amerika Wendy Sherman dhiyeessaniif deebii kennaniiru.

Wendy Sherman yaada isaan kennan jedhan dhaga’een jira. Gam tokkoon hedduu nah in ajaa’ibne. Mootummaan Itiyoopiyaa rakkoo keessa ennaa seenuuf hanqinne gidduu isaa ennaa jiraatu keessumaa gargaarsa inni naannoo sana keessatti goduuf hubachuu dhaan Ergaa tasgabbeessuu ennaa dabarsan kun ka duraa miti.

Akkuma lammiiwwan Itiyoopiyaa keessaa beekan yeroo filannoo bara 2007 bakka buutuu ambaasaddora mootummaa Ameerkaa kan turte Vikie Hudlston mana hidhaa dhufuu dhaan ture mootummaa Itiyoopiyaa tasgabbeessf jecha kan ani itti filatame taayitaa kantiibaa magaalaa fedha koon gad dhiiseera jedhi kan naan jette.

Filannoo kan waliin dha’eef mootummaa nama ajjeesu mootummaan Amerikaa tasgabbeessuu yoo fedhe murtiin kan uummata Itiyoopiyaa ti malee mootummaa amerikaa miti jedhee itti himeera jedhaniiru.

Kunis jedhan Dr. Birhanu Nega mootummaan Itiyoopiyaa muddama keessa waan seeneef waa tokko naa jedhi jedhanii waan ergaman natti fakkaata jedhan. Mootummaan Itiyoopiyaa demokraatawaa dha ykn filannoo dimokraatawaa geggeessa jechuun akkan amanutti kun lammiiwwan biyyattiif akka qoosaa ti jedhan. Uummati biyyattis sirni amma jiru na ga’a jedhee qabsoo irra yeroo inni itti jiru jedhaniiru.

Gareeleen akka Ginbot 7 mootummaa dimokraatawaa humnaan fonqolchuu hin qaban jechuun kan isaan dubbataniif illee kan itti aantuun ministrittiin hojjetaniif ministeerri dhimmi alaa Ameerikaa mootummaan Itiyoopiyaa seera ofii isaa baase kan hin kabajne nama kam iyyuu kan sirna sana mormu shorokeessaa dha jedhee kan himatuu fi demokraatawaa akka hin ta’in irra deddeebi’anii dhiyeessaniiru.

Kunis beekumsa dhabuun yoo ta’e malee namni waa’ee biyyattii beeku akkas jechuun hin dubbatu jedhan Dr. Birhaanuun. Wendy Sherman hayyuu waa’ee Itiyyopiyaa miti muddama keessa kan jiruuf waa’ee ofii isaa kan beeku uummata biyyattii qofa jedhan.

XS
SM
MD
LG