Xurree ittiin seenan

Breaking News

Korommiin Kaameruun Dirree Gaabonti Masrii mootee waancaa Afrikaa irraa fudhattee qa'ee Roojer Miilaa fi Saamu’eel Etoo hortettiin galatte


Kaameruun Shaampiyoonaa AFCON 2017
Kaameruun Shaampiyoonaa AFCON 2017

Kaameruuniin shaampiyoonaa AFCON baranaa taate tun Gaabon,Gaanaa fi Senegaal lafaan dhooftee Masriin walit marte.Masrii waggaa torba waancaa Afirkaa fudhattellee 2-1 dhooftee buuftee waancaa irraa fudhatte.

Masriin nugus kubbaa miilaa Afrikaa taatee marroo torba waancaa Afrikaa moote tun dorgommii baranaa irratti moohamtee hin beettu.Kaameruunillee akkasuma.

Hugo Broos,leenjsiaa garee Kaameruun
Hugo Broos,leenjsiaa garee Kaameruun

​Kaameruun dorgommii baranaa moohuu dhiisii asi geetti jedhee ka herregekkeeb diqqaa.Taphattootii isaa bajata diqqoo qababan.Nama saddeetti kialboota biyya alaa keessa taphatutti dhufuu dide. Warrii dhufelleen leenjii guddoollee leenjfifamu dide.

Woma taateefuu qalbii jabduu fi onneen taphatan.

Goolii qaraa Masriitti(Elneny 22’) keesas buufte.Sunumaan taphii qaraa dhumate. Akka taphaatti Kaameruntti akka dansaa taphate.

Tanuma Keessa Kaameruun (NKoulou 59’) galafattee taphii 1-1 tahe.

Adoo daqiiqaa 30’ dabalaa jedhanii eeganuu Kaameruun (Aboubakar 88’) tokko dabalatte taphii 2-1 tahe.Adoo hin turinii taphii dhumatee Nyeencii Kaameruun Masrii moohee mootummaan galate.

Kaameruun,shaampiyoonaa AFCON 2017
Kaameruun,shaampiyoonaa AFCON 2017

Yoo Kaameruun akkana mootu kana ummata 40,000 caalutti istaadiyoomii biyya sunii Stade de l’Amitie Gaabon magaalaa Libreville jirutti bahee daawwata.

Taphattootii Kaameruun kubbaallee akka dansaa walti kekkennaa goolii irrallee dhowwatan.Kaameruun bara kana waancaa Afrikaa moote:

1984
1988
2000
2002
2017

Biyyitii tun biyya taphattoota kubbaa miilaa Afrikaa hardhaa maqaa isaanii addunyaatti yaaman ta akka Saamu’eel Etoo fi Roojer Miilaa horte.Rooger tapahtaa kubbaa miilaa Kaameruun amma tapha dhaabe.Dura taphata.

Goolii innii galchee ka haga ammaa lakkahameef 700 caalti.Amma nama ganna 64ti.

Kaameruun sun maleellee Saamuel Etoo uumte. Saamue Etoo nama kubbaa miilaa taphachuun addunyaa irratti beekamu.

Kilaboota akka Chelsii,Inter Miilaan, Barseloonaa, Real Madriidii fi i hedduu keessa taphate.Amma ammoo kilabii Turkii Antalyaspo keessa tapahta.

Korommiin Kaameruun(indomitable lions)Masrii bara torba waancaa Afrikaa mootee mataan baafatte irraa mootummaa fudhattee olee..olee..olee sirbaa waancaa badhaafamte sun qahee Roojeri Miilaa fi Saamu’eel Etoo hortettiin galatte.

Moototii Masrii barana hin taaneefii mataa buusaan galan malee biyya Afrikaa keessaa marroo torba waancaa Afrikaa AFCON moo'uun tokkeessoo jirtu.Kaameruunitti itti aana.

Dorgommii AFCON bara 2019 Kaameruunitti kopheessa.

XS
SM
MD
LG