Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaayoon koo Og-barruu Afaan Oromoo akka Dubbisaniif Kakasuu Dha


Kitaabni og-barruu Afaan Oromoo mata-dureen isaa "Galaa Ogeettii" jedhu gabaa irra oolee jira.Barruu kuusaa walaloo baayyee qabatee maxxanfame kana kan Barreessan barsiisaa Baaruu Baayisaa fedhiin waa barreessu ijoolummaa isaanii kaasee kan jiru ta’uu dubbatan.

Ijoolleen Aadaa fi Afaan ofii akka baran jajjabeessuun dirqama maatii ta’uu kan hubachiisan barsisaa Baaruun, namni biraa waa’ee keenya irratti akka hojjatu eegu mannaa rakkoo keenyaaf ofuuma keenyaa furmaata arguu qabna jedhu.

Galaa ogeetti warra keenya irraa dhaallee dhala keenya hegeree boriif dabarsuu qabna moo hin qabnu? kan jedhu hundumtuu ilaaluu qaba jedhan.Barsisaa Baaruu Baayisaa Fees Book isaanii ykn i-meeliin isaani bbayisa@yahoo.com qunnamuu dandeessu.

Gabaasaa Guutuu mp3 tuquun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG