Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Namni Jalaa Ajjefame Maal Jedhu?


Hadha ilmi jalaa ajjeefame, Gimbii, Oromiyaa
Hadha ilmi jalaa ajjeefame, Gimbii, Oromiyaa

Adooleessa 6 bara 2016 Oromiyaa keessatti hiriirri mormii gaggeeffamuu isaa fi namoonni hedduun ajjefamuu fi hidhamuu, kanneen biroon eessa akka bu’an dhabamuu isaa jiraatonni dubbataa jiran. Gareeleen mirga dhala namaaf falman adda addaa fi kanneen biroon ajjechaa fi hidhaa dhaqqabe irratti ibsa baasaa jiran .

Ogeessa Faarmaasii Obbo Gabayyoo Jallataa
Ogeessa Faarmaasii Obbo Gabayyoo Jallataa

Godiina wallaggaa bahaa magaalaa Naqamtee keessatti namoonni 11 ajjefamuu Hospitaalli Naqamtee kan mirkaneessee ture yoo ta’u Wiixata darbe immoo kanneen wal’ansa argataa turan keessaa tokko, ogeessi Faarmaasii Obbo Gabayyoo Jallataa du’an boqochuu isaanii jiraattonni dubbatani jiru.

Gama kaaniin godina Wallaggaa Lixaa, magaalaa Gimbii keessatti, Obbo Musxafaa Mohammadnur Umar humnoota Federaalaan ajjeefamuu harmeen isaa Aaddee Aliimaa Mohammad Raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsanii jiru. Angawoonni poolisiis deebii kennan qabu. Armaa gadiitti caqasaa.

Kanneen Namni Jalaa Ajjefame Maal Jedhu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:52 0:00

XS
SM
MD
LG