Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bidiruu seer-malee baqattoota Itiyoophiyaa 80 oli fa’atee deemu Somaalee gama Kaabaatti qabamee, reeffa nama 7 achi keessatti argan


Baqattoota Afrikaa Awurooppaatti godaanan keessaa isaan kun Caamsaa 6, 2015 Liibiyaatti qabaman (kuusaa suuraalee)
Baqattoota Afrikaa Awurooppaatti godaanan keessaa isaan kun Caamsaa 6, 2015 Liibiyaatti qabaman (kuusaa suuraalee)

Akka bulchootii Somaaliilaandi jedhanitti bidiruun Ammajii 7,2016 Somaalee gama Kaabaatti qabanii silaa naannoo Gulfitti godaanuutti jiran. Somaaliilanditti bulchaan godina Sanaag,Ahmed Abdi Falay waraanii isaanii bidiruu sun keessatti, "reefa nama torbaa arge," jedhee VOAtti hime."Jarii kun beelaa fi dheebuun dhume jechuun.”

Kana malee akka jecha Abdiitti eegii bidiru keessaa baasanillee nama Itoophuyaa sadiitti du’e.

Somaalota sadii seer-malee bidiruutti nama fahanii hujii wanjalaa hojjatanillee sadiitti qabame akka gabaasa bulchoota Somaaliilaanditti.

Bidiruun sun Bosaasoo gara Garba Diimaa deemuuttti jiraachuu hin ooltu jedhu bulchootii Somaaliilandi.

Somaaleen hariyummaa Iraan waliin qabu dhaabdee diplomaota isiillee saatii 72 keessatti biyyaa isiitii baasuuf hajaje.

Akka ministerii haajaa alaa Somaalee, Dr.Abdulsalma Oomar VOAtti himetti diplomaatotii Iraan Somaalee jiran hujii seera alaa hojjachaa turan.Rakkoo sun irratti bulchootii biyya isaaniilleen quba qabuu garuu deebii itit hin kennine.

Sawudii Arebiyaa fi biyyootii Jidduu-Gala Bahaa hedduun hariyummaa Iraan waliin qaban qaata diqqeeffachuu jalqaban.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG