Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Keeniyaa, Mooraalee Baqattootaa Guguddoo Biyya Isaa Keessa Jiran Lama Cufuuf Karoorfate


Faayilii - Mooraa baqattootaa Dadaabii, Keeniyaa, 2011
Faayilii - Mooraa baqattootaa Dadaabii, Keeniyaa, 2011

Cufamuun mooraalee baqattootaa lameen, Dadaabii fi Kaakumaa jedhamanii, baqattoota kuma dhibba afur ta’an irratti akka dhiibbaa qabaatu dubbatamaa jira. Sababaa rakkoo nageenyaa biyyattiif jecha akka mooraalee kana cufuuf karoorfate – ibsa har’a baaseen ka beeksise – Mootummaan Keeniyaa, biyyi isaanii baqattoota keessummeessuun ka gara xumuraatti dhufaa jiru ta’uu dubbata.

Mooraa baqattootaa Dadaabii
Mooraa baqattootaa Dadaabii

Ministara Dhimma baqattootaa biyyattii cufuu isaa fi mooraalee baqattotaa lameen cufuuf kan irratti hojjetaa jiru ta’uu ifatti beeksise – ibsi Har’a Mootummaan Keeniyaa baase kun. Kan walakkeessa Keeniyaatti argamuu fi addunyaa irratti mooraa baqattootaa isa guddaa tahe – mooraa Dadaab keessa – yeroo ammaa, kanneen irra-jiriin isaanii lammiwwan Somaaliyaa tahan – baqattoota gara kuma dhibba sadi’ii fi kuma soddomaa tu jiraata. Ka Keeniyaa Kaaba Lixaatti argamu – mooraa Kaakumaa keessa immoo baqattoota kuma shantamii shan tu qubatee jira.

Walumaa-galatti Keeniyaan, baqattoota gara kuma dhibba jahaa tahan keessumsiisaa jirti. Kanneen keessaa afur keessaa harki sadii Somaaliyaa irraa achi baqatan. Kanneen hafan keessaa irra-jireessi immoo Sudaan Kibbaa irraa achi cehan.

Mootummaan Keeniyaa, Mooraalee Baqattootaa Guguddoo Biyya Isaa Keessa Jiran Lama Cufuuf karoorfate
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:26 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG