Xurree ittiin seenan

Mootummaan Keeniyaa Waajjira Baqataa Kaakumaa fi Dhadaab cufuun Baqattoota Yaaddessaa Jira


Buufata baqattootaa Kaakumaa. Buufanni kun Keeniyaa godina Turkaanaa keessatti argama. Waxabajjii 30, 2015.

Buufata baqattootaa Kaakumaa. Buufanni kun Keeniyaa godina Turkaanaa keessatti argama. Waxabajjii 30, 2015.

Keeniyaatti baqattoonni buufata baqataa Dhadhaabi fi Kaakumaa jiraatan dameen waajjira dhimma baqataa Keeniyaa kaampiilee lamaan keessa jiru guutummaatti hojiisaa dhaabuu dubbatan . Akka baqattoota kanaattis waajjirri kuni dhuma torbee darbeetii kaasee tajaajila baqataaf kennaa ture ka dhaabe yoo tahu, kanarraas ka ka’e jireenyi baqattoota gidduutti rakkina irra bu’uu akka danda’u soda qaban dubbatan.

Ibsa dhimma baqattoota fudhachuu dhaabuu mootummaan keeniyaa jimaata darbe beeksise ilaalchisuun Jaarmayaa Mootummootaatti dhimma baqataa ka hordofu UNHCR ibsa kaleessa baaseen mootummaan Keeniyaa murtee murteesse kana akka irra deebi’ee ilaalu gaafatee jira.

Galmoo Daawwit baqattoota kaampii jiran dubbisee gabaasa itti aanu Naayiroobiidhaa nuuf ergee jira.

Dhuma torbee darbee kaasee Keeniyaa keessatti buufata baqattootaa Dhadhaabi fi Kaakumaatti, tajaajilli damee Waajjira Dhimma Baqataa Keeniyaa cufaa tahuu baqattoonni Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf himan. Akka baqattoonni Kuni jedhanitti wajjirri baqattoota haarawa galmeessee bakka qubannoo isaaniif mijeessu kuni hojii isaa waan dhaabeef keessattuu baqattoonni haaraan galmaawuuf dhufaa jiran rakkoorra akka jiran dubbatu. Buufata baqataa Kaakumaa Kutaa bulchiinsa Turkaanaa keessatti argamu keessatti Huuseen damee waajjira dhimma baqataa Keeniyaatti baqattoota oromoo ta’aniif afaan hiika, innis akka dubbatutti, murteen waajjira kana cufuu waan Naayiroobii gadi dhufeef dameen waajjirichaa kaakumaa jiru hojii dhaabuu dubbata.

Huseeniin baqattoonni Oromoo haarawi gara kaampiitti dhufaa jiruu jennee yoo gaafannu, kaampiin Kaakumaa baqattoota Oromoo haarawa ji’atti gara maatii 8 simataa jechuun dabalee nutti himeera.

Waajjirri dhimma baqataa Keeniyaa bara 2016 kana jiruu baqattoota haarawa galmeessuu, darbees dhimma mirga baqattummaa murteessuu guutummaatti UNHCR irraa ka itti gaafatamummaa ka fudhate yoo tahu, kana malees buufatawwan baqataa keessatti, hojii bulcchiinsaa fi nageenyaa ka hojjetus qaama kanadha. Baqattoonni kaampii kana keessa jiraatan yoo gara tokkotti socho’uu fedhan ka eyyama argatanis as waajjira kanarraa yoo tahu, waajjirri kuni hojiisaa dhaabuun keessattuu dhimma barnootaafi yaala fayyaaf baqattoota eyyama fedhan hedduu miidhaa jira jedhu, baqataan Oromoo Dhadhaab jiraatan tokko.

Murtee Mootummaan Keeniyaa dhimma baqattoota fudhachuu dhaabuu fi ka biyyaasaa keessa jiran gara biyya isaaniitti deebisuu murteesse ilaalchisuun Teessoo Waajjira muummee isaa Switzerland Jeeneev ka Godhe Waajjirri dhimma baqataa UNHCR kaleessa ibsa baaseen, mootummaan Keeniyaa murtee isaa irra deebi’ee akka ilaalu, gaafatee jira.

Bufata baqatttootaa lameen keessa jiraatanis murtee mootummaan Keeniyaa baqattoota irratti murteesse kun ka isaan rifaasise ta’uu yoo dubbatan, keessumaayyuu haalli kuni baqattoota hidhaa fi darara baqatanii biyyaa bahaniif baayyee yaaddeessaadha jedhan.

Mootummaan keeniyaa garuu sababa kooti ka jechaa jiru rakkoo dhimma nageenya Keeniyaa darbee diinagdee biyyattii miidhaa jiraa yaada jedhu kaasa. Keessumaa kaampiin dhadhaab sababa hanqina eegumsa guutuu dhabuurraa kaka’e mannee shororkeessitootaa ta’eera jedha Mootummaan Keeniyaa dabaluun. Ministirri keessoo biyyatti Dr. Eng. Kaaraanjaa Kibichoo akka ‘The Independent’tti himaniin gochi Alshabaab bara 2013 Weest Geet irratti raawwate, Dhadhaab keessatti qindeeffamuu isaa waajjirri dhimma nageenyaa Keeniyaa odeeffannoo gahaa harkaatii qabaa, kanaaf murteen kuni namoota baayyee balaa keessa kan buusu tahus, lammii biyya keenyaatiif dursa itti gaafatamummaa waan qabnuuf murtee kanarra geenyeerraa jedhan.

Keeniyaa keessa walii galaan baqattootni kuma 600 ol ka jiran yoo ta’an, baqattoota kana keessummeessuunis keeniyaan Afriikaa keessaa biyya sadarkaa lammaffaa irratti argamtuudha.

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG