Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keenyaan Jara Buufata Otobusii Naayroobiitti Nama Fixe Jettee Shakkite Afur Qabatte


Bombiin Bitootessa 10,2012 nama jaha caalaa fixxee 60 caalaa madeessite.Keenyaan yoo wannii akkanaa galtu yoo hedduu milishoota AL-Shabaab barbaaddi.

Warrii qaqqabame Slyvester Opiyoo fi miilota akka isaa ijoollee kahimaati,jara kana shakkanii wa gaafachuuf qaban.Opiyoo kana Muddee dabre keessallee milishoota AL-Shabaabiin harka wal keessaa qaba jedhanii qaban.

Woma taateefuu balaan milishoota AL-Shabaab ta Naayroobii jirtuun shakkan kun nama hedduu rakkoo irra buuse.

Keenyaan waraana Waldaa Afrikaatti dablamee Somaaleetti ergiti keessaa tokko.Balaan kunilleen eegii bulchootii biyya tanaa waraanii isaaniillee ka Waraana Waldaa Afrikaa AMISOMITTI dabalamee Somaalee jiraa jedhanii irra bahan saatuma diqqoo tokkoo turanii Naayroobitti bombii nama fixxe.

Akka warrii jara nama fixe kana ilumaan arge jedhutti nama makiinaa dabruutti jirutti bombii tana fulaa otoobusiin dhaabatu keessa buuse.

Warrii dhumtee dhumatee madoolee hospitaala Naayroobii Kenyaataa jiruttiin dabran.

Akka itti aanaan daarektera wallaansa hospitaala Kenyaata Dr.Simion Mondatti nama 40 oli akimiif hospitaala Kenyaataa fidan.

“Nama lamatti adoo wallaananuu asitti du’e.Nama sadii fidan,tokkoo reeffumaan dhufan.Tana jechuun ammoo namii asi dhume shan jechuu.”

Milishootii AL-Shaab ta milishoota Al-Qaayidaatiin harka wal keessaa qaban jedhan eegii Keenyaan jara kana hadhuuf Soomaleetti waraana duulsiftee asitti akkanuma biyya tana wayiin itti jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG