Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keniyaa Keessatti Baqattonni Hidhmaa Jiru


Mootummaan Keeniyaa namoota sababaa adda addaan gara biyya isaatti baqatan hanga tokko hidhee gara biyya irraa dhessaniitti deebisuuf jechuun Ligiin Mirga Dhala Namaa ka Gaanfa Afrikaa (HRLHA) ibsa baasee jira.

Itti gaaftamaa jaarmayaa kanaa kan ta’an Obbo Gaaromaa Waaqasaa ibsa kennaniin,baqatonni hidhaman kun irra hedduun isaanii lammiwwan Somaliyaa ta’uu fi kanneen Itiyoophiyaa irra ta'an ammoo 52 ta’uu ibsii hahe beeksisee jira, jedhan.

Jiraattonni naannoo garuu lakkobsi namoota hidhamanii walii-galatti 700 akka ga’uu fi irri-jireessi isaanii Oromoo ta’u dubbatu, jedhan Obbo Gaaromaan.

Polisiin Keniyaa gama isaan, ayyaana waggaa haaraa dhufaa jiru kanatti hookkara akka hin kaasne ittisuuf jecha kanneen seeraan ala biyyatti keessa jiru jedhe hidhuu isaa mirkanessee jira jedhu.

MP3 tuquun guutuummaa qaaffii fi deebii dhaggefadhaa.


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG