Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Beqqelee Garbaa fi Hoogganoota KFO Ol’aanoo Ka Biroo Sadii Achii-buutee Isaanii Dhabne, Jedhu Maatiin


Sagantaa paartii KFO ummata itti dammaqfatte keessaa tokko
Sagantaa paartii KFO ummata itti dammaqfatte keessaa tokko

Hoogganootaa fi miseensota Koongiresa Federaalawa Oromoo mormii Oromiyaa keessatti ka’een wal-qabatee mana hidhaa turanii fi Jimaata dabre kana mana-murtiitti himannaan shororkeessummaa itti dhihaate 22 keessaa, hoogganoonni ol’aanon afur achii-buuteen isaanii dhabame, jechuun maatiin isaanii wawwaataa jiru.

Hoogganoonni dhaabichaa afur – jechuun - Obbo Beqqelee Garbaa, Obbo Dajanee Xaafaa, Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo fi Obbo Addisuu Bullaallaa, Jimaate dabre kana ennaa mana-murtiitti dhihaatanii himannaan itti dhihaatetti, abbaan-murtii akka isaan gara mana-sirreessaa Finfinneetti geessaman ajaja kennuu ka dubbattu – mucayyoon Obbo Beqqelee Garbaa – dubree Boontuu Beqqelee, akka ajaja abbaa-murtiitti silaa gara Qaallittiitti geessu – jennee yaadnee turre, garuu konkolaataa isaan ittiin geessaman hordofnee ennaa deemnu, mooraa mana-sirreessaa Qilenxoo galchan. Sa’atiin dabree jira, jedhanii waan nu deebisanii keessa seenuu hin dandeenye – jetti.

Boorumtaa isaa, gaafa Sanbataa ganama ennaa itti-deebi’an garuu, hoogganoota KFO afuranuu mana-sirreessaa Qilinxoo keessatti argachuu hin dandeenye, jedhu – maatiin isaanii.

“Booda, hidhamtoota isaan waliin turan keessaa, kanneen godinaa mana-sirreessaa sanaa 3ffaa keessa jiran waamsisnee yoo tarii achi-buutee isaanii beekaniif gaafanne.” – ka jedhan Boontuu Beqqelee fi Obboleettiin Obbo Addisuu Bullaallaa – Muluu Bullaallaa, “akkuma hidhamtoonni 22maan mana-sirreessaa Qilinxoo seennetti, otuu hidhamtoota ka birootti hin dabalamiin dura qoricha liqimsuu qabdan, nuun jedhan.

Otuu nu hin dhukkubiin maaliif qoricha liqimsina? Jennee didde. Achii booda, Obbo Beqqelee fi hoogganoota ka biroo afuran achuma waajjira Bulchiinsa mana-sirreessaa keessatti hambisanii, warra kaan godinaa mana-sirreessaa sanaa adda addaatti ramadan. Achii booda deebinee hin agarre,” ittiin jechuu isaanii dubbatu.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:19 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG