Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kitaabonni Madda Qaroomaa ti!


Kitaabni Afriikaaf
Kitaabni Afriikaaf

As America kutaa Minnesota St. Paul keessa kan maadheffate jarmayaan bu’aaf hin hojjenne kan “Books For Africa” jedhamu kitaabota barnootaa sadarkaa duraa, lammataa fi universitiiwwan Africa keessaaf erguun tajaajila. Kaayyoon jarmayaa kanaas hanqina kitaabotaa Africa keessa jiru hubachuu dhaan ardittiif hamma danda’ametti kitaabota hedduu erguu dha.

Jarmayaan “Books for AFrica” jedhu akka lakkoobsa Awropa bara 1988 qabee Africaatti kitaabota ergaa jira. Directora ol aanaa jarmyaa kanaa Dr. Patrick Plonski MN-tti bilbiluun Tujubeen haasofsiistee jirti. kitaaboota Africatti ergaman kana eessa irraa akka argatan ibsuu dhaan eegalu.

Kitaabonni kun namoota dhuunfaa, manneen barnootaa, manneen kitaabotaa ykn librariiwwan, universitiiwwan fi kampanilee kitaabota bitanii fi gurguran biraa arganna jedhu Plenoski-n.

Arjoomtonnis kitaabota kana erguuf maallaqa waan baasaniif jecha lfa yaadame akka ga’u barbaadu jedhan.

Dr. Patirik akka jedhanitti arjoomtonni kun hawaasa biyyootii Africa kanneen America keessa jiraatan, namoota dhiyeenya naannoo sana daawwataniif kanneen dhabata Peace Core jedhamuuf fedhii isaaniin bobba’anii hojjetan ta’uu malu.

Erga bara 1988 qabee kitaabota miliyoona 24 biyyootii Africa 45f erginee jirra. Kana keessaa Ghanatti aanee Ethiopiaan biyya kitaabi arjoomameef isee lammataa yoo taatu kitaabota miliyoona 1.9 ergineefii jirra jedhan Dr. Patrick Plenoski.

Jarmayaan “Books For Africa” jedhu kun akeeki isaa biyyootii akka Ethiopia keessaa gandeen fagoo lafa kitaabonni kun ga’uu dadhaban attamiin gamas dhaqqabuun akka danda’amu mala barbaaduu dha kan jedhan directorri ol aanaan dhaabbata kanaa Dr. Patirick Peloniski irra hedduu garuu fedhiin namoota hawaasa isaanii gargaaruu barbaadan irratti hundaa’a jedhan.

Namoonni kitaabota walitti qabuun gara naannoo ofiitti erguu fedhan jarmayaa books for Africa jedhu marsaa internetii www.booksforafrica.org jedhu irratti arguu kan danda’an ta’uu directorri ol aanaan jarmiyaa kanaa Dr. Patrick Peloniski ibsaniiru.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG