Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaalee Kombolchaa fi Haroo keessatti Rebichaa fi Ajjechaan Itti Fufe Jedhu Barattoonni


Kaartaa Oromiyaa
Kaartaa Oromiyaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu magaalaa Kombolchaa keessatti torban darbe barataa Qormaata Modeelii fudhachuuf moraa mana barumsaa seene tokko qabamuun kan ka’e reebichaa fi dararaan hammaataa jira jedhu barattonni. Sana booda immoo Ibsaan magaalaa Kombolchaa keessaa dhabamuu isaatiin reebichi daran hammaatuu dubbatu. Barattonnii fi jiraattonni akka haamaatti reebamuun midhaman wal’ansa dabalataaf gara Finfinnee fi iddoo biraatti ergamuun ibsamee jira.

Gama kaaniin Godina wallaggaa bahaa aanaa Kiiramuu magaalaa Haroo keessatti barattonni mana barumsaa sadarkaa lammffaa fi qophaa’inaa Dilbata dheengaddaa galgala hiriiranii mormii yeroo dhageesisanitti miseensoonni kabinee dhukaasuun barataa kutaa saddeetii kan ta’ ee fi umriin 15 kan ta’e barataa Yohaannis Baa’isaa Qanaatee ajjeesuu isaanii barattoni ibsanii jiru. Reeffii barataa kanaa qorannaaf gara Hospitaala Giddaa Ayyaanaatti ergamee jalqaba barattotatu waraanee ajjesse jechuun ragaa eega kennanii booda mormii uummataa uumameen yeroo lammataaf reeffi kun ergamee rasaasaan ajjefame ragaan jedhu argamuu ibsanii jiru.

Yeroo ammaa humnii mootummaa magaalaa Haroo seenee magaalattiin muddama keessa akka jirtu ibsamee jira.

Magaalaalee Kombolchaa fi Haroo keessatti Rebichaa fi Ajjechaan Itti Fufe Jedhu Barattoonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:29 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG