Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kongresiin Uummata Oromoo Miseensonni Koo Hidhaatti Guuramaa Jiru Jedha

Jaarmayaan mormitootaa, Koongiresni Uummata Oromoo hidhaa fi hiraarsuun miseensota keenya irratti geggeessamu amma illee ittuma fufee jira, jedha. Gama biraatiinis, ka Kanadaa keessa maadheffate, Jaarmayaan Mirga Namoomaa Gaanfa Afrikaa yuniversitii Finfinnee keessa jiru irraa dabalatee barattoonni Oromoo sagal humnoota mootummaatiin qabamanii jiru, jehee jira.

Dubbi-himaan Koongiresa Uummata Oromoo, Obbo Olbaanaa Leellisaa, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, "tokkoffaa namoonni haaraan hidhamanis ni jiru, itti dabalamees namoonni baay'een hidhamaa jiru, akkuma duraa sanatti," jedhan. Filannoo dabre irratti Arsii, Qarsaatti ka dorgomee ture, Gammachuu Hammisuu, Godina Shawaa Lixaa, Dandiitti ka dorgomee turte, Barsiiistuu Hawwii Gonfaa, Wallagga Bahaatii, Obbo Margaa Dabaloo akka fakkeenyaatti kaasuun dubbatu, Obbo Olbaanaan. Paartii isaanii fi paartii mormituu ka biraa, Warraaqsa Federaalistii Dimookiraatawa Oromoo irraa walumaa-galatti namoonni amma mana hidhaa jiran 93 tahuu dubbatu.

Gama biraatiin, ka magaalaa Torontoo keessa maadheffate, Liigii Mirga Namoomaa Gaanfa Afrikaaf dura-taa'aa ka tahan Obbo Gaaromaa Waaqasaa "Magaalaa Finfinneetti kanneen argaman, Yunivarsitoota lama keessaa, akkasumas, Yunivarsitii Jimmaa fi Yunivarsitii Haromaayaa keessaa barattoonni qabamuu dubbatu. Barattoonni Roobii, gaafa Ebla 13 qabaman walumaa-galatti sagal tahuu illee dubbatanii jiru, Obbo Gaaromaan.

Gabaasaa guutuu MP3 irraa dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG