Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeeraa Haayla Maariyaam Dassaaleny Miseensoota Paarlaamaaf Har’a Ibsa Kennan


Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayile Maariyaam Dassaalenyi
Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayile Maariyaam Dassaalenyi

Tasgabii dhabiinsii Itiyoophiyaa keessatti uumamee ture biyyatti keessatti sirnii jabaan jiraachuu isaa carraa itti mirkaneesse ture jechuun mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayle Maariyaam Dassaaleny ibsanii jiru.Kana waliin wal qabatee labsiin yeroo hatattamaa hojii irra oole dinagdee biyyatti irra balaa hamaa dhaqqabuuf ture hambisuu isaa dubbatan.

Nagaa biyyatti keessaa qofa otoo hin taane qunnamtiin hawaasaa fi uummta gidduu iddoo duriitti deebisuun danda’amuu isaa kanaafis labsiin yeroo hatattamaa gargaaruu dubbatan.Iddoo tokko tokkotti haalli uummata wal ficisisuu danda’uu uumamee akka tureibsan. Kanneen badii akkasii dalagan uummata giddutti wal shakkiin akka uumamuu hojjataa kan turan ta’uus harkatti fashalee jira jedhu mummichi ministeeraa Haayle Maariyaam.

Humnootiin farreen nagaa fi biyyonni diina Itiyoophiyaa ta’an tokko tokko jedhan labsii yeroo hatattamaa sana booda iyyu tasgabiin akka itti hin fuufne gochuuf waan humnii isaanii danda’ee mara yaalan . Garu uummanni dura isaanii waan dhaabateef hin milkoofne jedhu.

Ibsa Muummee Ministeera Itoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:37 0:00

XS
SM
MD
LG