Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Obaamaan Imaammata Falmisiisaa Dhimma Koolu Galtoota Kuubaaf Fala Dhahan


Faayilii – Godaantota Kuubaa bara 2015 kara seeraan alaa Yunaaytid Isteets seenuu yalan,
Faayilii – Godaantota Kuubaa bara 2015 kara seeraan alaa Yunaaytid Isteets seenuu yalan,

Imaammata falmisiisaa kan lammiin Kuubaa tokko dachii US irra miilli isaa yoo ejjete VISA qabaachuu baatu iyyuu eeyama biyya kanaa argata jedhu ilaalchisee rakkoo jiru furanii jiru.

Akka seera US-tti lammiiwwan Kuubaa kanneen seeraan ala US seenan biyyaa baafamuu akka qaban president Obamaan ibsa kaleessa kennaniin beeksisaniiru.

Tarkaanfii kana fudhachuu dhaan koolu galtoota Kuubaa akkuma koolu galtoota biyyoota ka birootti akka ilaallu nu gargaara jedhan.

Lammiiwwan Kuubaa kanneen yoo biyya ofiitti deebi’an ni hidhamna jedhanii sodaatan Ameerikaa keessa turanii dadhata siyaasaa akka gaafatan eeyamameeraaf.

XS
SM
MD
LG