Xurree ittiin seenan

Breaking News

Konsoo Keessatti Namaoota Kaleessa Ajjefaman 2 keessaa Reeffi Tokko Eessa Buteen Dhabamee Jira


Konsoo
Konsoo

Aanaa koonsoo gandeen tokko tokko keessatti walitti bu’iinsi uumame gaaf tokko qabana’aa gaaf kaan ho’aa itti fufaa jira.

Namoota uummata Konsoon bakka buufamne jedhan 23 keessaa Obbo Gammachuu Gansee akka jedhantti raayyaan ittisaa, humnootin addaa fi polisiin federaalaa miseensoota koree hundumaa qabuuf gandeen yeroo seenantti uummanni mormii dhageesise jedhu.

Sana booda humnootiin kun dhukaasa bananii nama lama ajjesanii kanneen biroo lama madeessan. Kanneen ajjaefaman lamaan keessaa tokko har’a kan awwaalame yoo ta’u reeffi inni kaan mootummaan eessa akka buuse hin beekamne jedhan.

Gama kaaniin namoonni kaleessa haleellaa ta’een mada’an hospitaala naannoo erga turanii booda humnaan ol taanaan gara hospitaala Arbaa Minc geessaman jedhu Obbo Gammachuun.

Haalli isaaniis lubbuuf sodachisaa ta’uu odeeffannoo qabna jedhu.

Gabaasa sagalee

Konsoo Keessatti Namaoota Kaleessa Ajjefaman 2 keessaa Reeffi Tokko Eessa Buteen Dhabamee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:40 0:00

XS
SM
MD
LG