Xurree ittiin seenan

Breaking News

Golli Naga-eegumsaa Walgahii Hatattamaa Taa’uuf Jira


Golli Naga-eegumsaa Walgahii Hatattamaa Taa’uuf Jira
Golli Naga-eegumsaa Walgahii Hatattamaa Taa’uuf Jira

Koriyaan kaabaa Dilbata kaleessaa misaa'iila Balistiik dhukaasu ishee kan ilaaleen golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummotaa walgahii hatattamaa har’a waaree booda gaggeessuuf jira.

Barreessaa dureen Tokkummaa Mootummotaa Antoniyoo Gutarrees misaa’iila kana dhukaasuun murtii Tokkummaa Mootummotaa dabarsee caalatti cabsuu fi daran rakkoo hammeessuu dha jedhan.Gutarrees barreeffama baasaniin koriyaan kaabaa dirqama addunyaan irraa barbaaduutti deebi’uu fi Nukleera irraa gara walaba ta’uutti deebi’uu qabdi jedhan.

Yunaaytid Isteets, Jaapaan fi Koriyaan Kibbaa walgahiin hatattamaa akka waamamu fedhu. Koriyaan kibbaa yaalii dhukaasa misaa’eelaa kana Dilbata kan gaggeessite yoo ta’u angawoonni waraanaa kan Koriyaa kibbaa akka jedhanti galaana Jaapaan keessa ituu hin bu’iin dura fageenya kiloo meetra 500 furguggifame.

XS
SM
MD
LG