Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kora Dinagdee Afrikaa Yunaayitid Isteets Keessatti Geggeessamutti Akka Hirmaatan Kanneen Eegaman Jiloonni Biyyoota Afrikaa Martinuu Viizaa Dhorkaman


Afrikaa
Afrikaa

Yunivarsitii of Saawuzern Kaalifoorniyaa yokaan Yunivarsitii Kaalifoorniyaa Kibbaa Keessatti, waggaa waggaadhaan, Kora Dinagdee Afrikaa tu geggeessama. Kora kana irratti jiloota biyyoota Afrikaa tii dhufan hedduu tu hirmaata. Korri dinagdee Afrikaa kun, bakka itti namoonni itti wal-baranii quunnamtii uummatanii fi waa’ee hariiroo dinadee Yunaayitid Isteetsii fi Afrikaa mari’atan ture. Garuu, bara kana namni hedduun asitti argamuu akka hin danda’iin dubbatu - Qindeessituun kora kanaa – Meerii Flaawors.

Yeroo baay’ee namoota dhufan keessaa ka Viizaa dhorkaman yokaan simatamuu dhaban dhibba irraa harka afurtama. Kaan ni dhufan. Bara kana garuu, dhibba irraa harka dhibba tu dhorkame. Jiloonni martinuu hin dhufan. Kun baay’ee nama gaddisiisa. Jiloonni illee kanatti baay’ee gaddanii jiran, jedhu.

Waggaa afuraffadhaaf kan kora dinagdee Afrikaa qindeessan – Flaawors, bara kana keessummoonni yokaan jiloonni Embaasiilee Yunaayitid Isteets biyyoota adda addaa keessa jiraniin Viizaa dhorkamanii koricha irraa hafan gara dhibba tokkoo akka ta’an dubbatu. Biyyoonni Afrikaa tarkaanfii kanaan miidhaman – Seryaa-liyoon, Giinii, Gaanaa, Naayjeeriyaa, Itiyoophiyaa fi Afrikaa Kibbaa ti.

Jiloonni Afrikaa walga’ii dinagdee Afrikaa, ka bara kanaatti hirmaachuuf gara Yunaayitid Isteets dhufuu malan martinuu maaliif akka Viizaa dhorkaman hin beeku – ka jedhan – Mary Flaawors, garuu – waa’ee Viizaa fi imalaa ilaalchisee dhimma wal-falmsiisaa bulchiinsa Prezidaant Traamp jalatti uumameen kan wal-qabate ta’uu mala – shakkii jedhu akka qaban dubbatan. Miseensattii mana-maree duraanii – Dayaan Watson dabalee – miseensota mana-maree Yunaayitid Isteets kan duraanii fi kan ammaatti iyyachuu isaanii illee dubbatanii jiran. Dhimma kana qoratanii hundee isaa baruuf ka carraaqaa jiran tahuu dubbatu - Qindeessitoonni Kora Dinagdee Afrikaa.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Kora Dinagdee Afrikaa Yunaayitid Isteets Keessatti Geggeessamutti Akka Hirmaatan Kanneen Eegaman Jiloonni Biyyoota Afrikaa Martinuu Viizaa Dhorkaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:03 0:00

XS
SM
MD
LG