Xurree ittiin seenan

Breaking News

Korii waldaa Qorannoo ,OSA Adoolessaa 29-31,2016 Waashingiton DC keessatti taa’a Waldaan kun barana ganna 30essoo ulfeeffata


Kora OSA ka bara 2015 Yuniversiti Hawaarditit taa'e
Kora OSA ka bara 2015 Yuniversiti Hawaarditit taa'e
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:27 0:00
Xurree marsariitii

Waldaan Qorannoo Oromoo,Oromo Studies Association(OSA) waldaa jiruu fi jireenna Oromoo,aadaa fi seenaa fi eennummaa Oromoo karaa hedduun qoratu.

Eegii hujii jalqabee amma ganna 30 keessa jira.Kora baranaa Waashingiton DC,yuniversitii Hawaardi keessatti taa’a.Korii baranaatorbaan duubatti WDC university Howard keessatti jalqaba.OSAn baranaa waggaa 30essoo hujii itti jalqabe ulfeeffata.

Hujiin OSA gugurdoon akka bulchootii waldaa kanaa jedhanitti beekumsa Oromoo hammayyeessuu karaa addunyaalleen quba qabaattuun kitaabattiin barreessuu,kora addunyaa irratti qoratani dhiyeessuu fi waan asiin duratti warri Oromoo jibbu karaa hamaan barreessuu qajeelchanii barreessuu fa.

Baranallee beekumsa Oromoo waliin qabu,siyaasaa isaa,nagaa isaa, bulchiinsaa fi bulchiinsaa isaa Afrikaa gama Gaafaa keessalleetit jabeessanii jedhee kora taa'a.

Kora baranaa iratti akka pirezidaantii OSA(Oromo Studies association) Obboo Henook Gabbisaa jedhutti qorannoo 50 caalanitti kana irrtti dhiyaata.Qorannoon tun qorannoo jiruu fi jireenna Oromoo karaa akka akkaatiin qorachaa baate jedha.

“Keessummootaa 600 tahanitti kora kanaaf dhufa jennee abadanna.”

Waldaan kun akka jecha obboo Henookitti baruma baraan ijoollee kahimaa yuniverstii fi dhaabbilee barnootaa biyya alaa jiran ufitti dabalchaa,bulchinsa keesastti makachaa deema,karaa waldaa kanaan durattiin deemu qaqqajeelchaa deema.

Seenaa keennaa durii abbaa baahireen faatii eennummaa Oromoo irratti maqaa hamaan barreessanii qajeelchaa,eennummaa keenna ufumaa keennaan barreeffachaa,wal deemaa jedha obboo Henook yoo waan OSAn hujii jalqabeef dubbatu.

Laaybireerii ykn manneen kitaabaa gugurdaa hunda keessatti fkn Library of Congress, mana kitaabaa Kongireesii Amerikaa kitaabotaa fi Joornal (barreeffamii qorannoo )OSA hedduutti waahee Oromoo barreessan asitti argamu.Kun moohaichaa guddaadha.”

Waldaan OSA kora baranaa irratti ganan 30essoo hujii itti jalqabe ulfeeffata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG