Xurree ittiin seenan

Breaking News

How'a Qilleensaa Digirii Sentiigireedii Lamaa Gaditti Xiqqeessuuf Walii galame.


Korri ganna dabre Koppenhaagen,Deenmaarikitti deemsisame fala guddaallee hin fidne.Dubbiin jijjiirama qilleensa yoo hedduu ammoo siyaasaa tahaa deemiti.

Biyyoonni guddachuutti jiran, "biyyoota guddatan tu qilleensa nurraa hammeessa" jedhan.

Ka kora kanatti hirmaatanii deebi'an Itti gaafatamaan Bosonaa fi Qabeenna Bosonaa Oormiyaa Dr.Girmaa Amantee akka jedhanitti mariin baranaa waan dansaa dubbatte;oowwa qilleensa digrii centigradii lamaa gaditti diqqeessuuf walii-gale.

Marii tana irratti biyyooti marti akkuma walti dhiyaataniin yaada tokkoon fala tokko barbaaduu irratti dubbachaa turan. Wanni addunyaa meeshaa waraanaayyuu caalaa sodaachisaa dhufe qilleensa jijjiirame. Qilleensi jijjiirame daangaa biyyaallee eegatee waan hin deemneef jedhu, Dr. Girmaan.

Wanni guddaan akka Dr.Girmaatti biyyooti dureeyyiin aara warshaalee isaanii keessaa bahu diqqeessuu, akka bosonni hin badne sadarkaa addunyaatti akka seerri bahu tolchuu.

Mee waan Dr.Girmaa gaafanne kutaa duraa MP3 tuquun caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG