Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Kurfaa ykn Kaarikulamiin Barnootaa Jalqaba ba’e, Afaan Ittiin Barsiisan kan ilaaleen Bulchiinsoota naannoo hundumaa keessatti wal fakkaataa ture"


Barattoota Oromoo
Barattoota Oromoo

Sabaa fi sablamonni Afaan ofiin barachuuf gaaffiin dhiyessaa turan bara bulchiinsa mootii Haaylee Sillasee duraa qabee akka ture kan ibsan, ministeerri barnootaa kan Itiyoophiyaa duraanii,Obbo Ibsaa Guutamaa, hojii irra akka ooluuf yeroo murteffameettis, kurfaa ykn kaarikulamiin qophaa’ee hojii irra oolee, Bulchiinsoota naannoo hundumaa keessatti wal fakkaataa ture jedhu.

Afaanneen adda addaan barsisuu eessatti jalqabuu ykn dhaabachu akka qabuus qajeelfamni ture tokko kan jedhan Obbo Ibsaa Guutamaa, Afaan inglizii sadarkaa adda addaatti jalqabsisuun kun, barattoota giddutti adda addummaa dandeetti guddaa fida jedhu.

Rakkoon dandeetti kun gama Afaan Ingliziin qofa ilaalmuu otoo hin taanee toorawwan barnootaa adunyaa walitti fiduun beekaman kanneen akka Herregaa fi Saayinsiitiinis ilaalamuu qaba, jedhu.

Gama kaaniin immo, as Yunaayitiid Isteets keessaa, kutaa Oromoon hedduminaan jiraatan Minisootaa ta'uu beekamaa dha . Kanneen biyya keessatti barnoota sadarkaa adda addaa xumuruun eebbifamanii, carraa garaa garaan Minnisoota keessa qubatan kun, hawaasa naanoo waliin,Afaan biyyaan walii galuuf dandeettiin qaban maal fakkaata? Gazexxessaa VOA duraanii Sa'iid Mohaammad Alii kan nu ibsee qaba.Gaaffii fi deebii lameen MP3 kutaa adda addaa tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG