Xurree ittiin seenan

Breaking News

Labsii Yeroo Hatattamaa Itiyoophiyaa Ilaalchisuu Dhaan Ibsa Ministriin Alaa Yunaayitid Isteetis Baase


Logoo Ministirii Dhimma Haajaa Ala Yunaaytid Isteets
Logoo Ministirii Dhimma Haajaa Ala Yunaaytid Isteets

Ministriin dhimma alaa US mootummaan Ethiopia Onkoloolessa 8 labsii yeroo hatattamaa ka hiriira mormii fi hookkara Oormia fi naannoo Amaaraa ilaalchisuun ibsa baasee jira.

Ajaja mana murtii malee hidhaa yaada ofii ibsuun ugguramuu, Inteneetii cufuu, wal ga’ii uummataa ugguruu, uggura sa’aa kaa’uu labsiin kun ajaje dhiibbaa inni qabaatu ilaalchisee US isee yaaddesse jedha ibsi kun.

Labsiin kun yeroo kana hojii irra oola taanaan rakkoo siyaasaa qabbaneessuu caalaa ittuma hammeessaa adeema .

Sirna siyaasaa hunda haammatee fi walabummaa bu’uuraa kabajuun roorroo hiriirtonni mormii fi lammiiwwan Itiyoopoiyaa ka biroon qaban ibsuuf barbaachisaa dha.

Waamicha keenya yeroo dheeraa mirga heerri walabummaan yaada ofii akka ibsan akkasumas mirga wal ga’uu lammiiwaniif mirkaneesse mootummaan Itiyoopiyaa akka kabajuu fi isaatii akka kabaju yaada ofii wlabummaan ibsachuu akka kabaju, kanneen mirga isaanii gama nagaan eegsifachuuf utuu falmanii hidhe akka hiikuuf irra deebinee gaafanna jedha ibsi kun.

Qaamni martinuu tarkaanfii hookkaraa kan itti dabalaa biyyattii keessatti raawwachuu irraa akka of qusatu cimsinee jajjabeessina. Mariin karaa nagaa jijjiirama Iiyoopoiyaa keessaaf daandii dha. Lubbuun namoota qulqulluu hedduun badeera waa hedduunis manca’eera jedha ibsi kun.

Xumura irrattis Prezidaantiin Itiyoophiyaa Mulaatuun Onkoloolessa kudhan ibsa paarlaamaa biyyattiif kennan keessatti komeewwan hiriirtota mormiitiin dhihaatan keessaa haga tokko kannneen akka mirga abbummaa lafaa fi jijjiirraa haala filannoo akka deebii itti kennan dubbachuu isaanii ni simanna.

Mootummaanis cichaawwan kana hatattamaan hojii irra akka oolchu waltajjii siyaasaa banaa taasisuu dhaan walabummaan bu’uuraa fi mirgi dimokraasii heera Itiyoopiyaa irra taa’ee jiru kbajamuu isaa akka mirkaneessu jajjabeessina jedha ibsichi.

Muummichi Ministeeraa labsiin yeroo hatattamaa kun mirgawwan dhala namaa heera Itiyoopiyaatiin mirkaneessaman hin duugu jedhanis qalbeeffannee jirra irra jedha ibsi ministrii dhimma alaa Yunaayited Isteetisiin ba’e kun.

Gabaasa sagalee dhaggeeffachuudha kana cuqaasaa

XS
SM
MD
LG