Xurree ittiin seenan

Labsiin Yeroo Hatattamaa Itiyoophiyaa Baatiilee Afuriif Dheeressame

  • Namoo Daandii

Labsiin Yeroo Hatattamaa Itiyoophiyaa Baatiilee Afuriif Dheeressame

Seera-tumtoonni yokaan miseensonni mana-maree Itiyoophiyaa, ka gara baatiilee ja’aaf biyyattiin ittiin bulte – labsii yeroo hatattamaa, baatiilee afur ka biraaf akka dheeratu murteessanii jiran.

Kan baatiilee ja’aaf ittiin hojjetamaa ture – labsiin yeroo hatattamaa, baatiilee afur ka biroodhaaf akka dheeratu, manni-maree bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa walga’ii idilee har’a geggeeffate irratti murteesse.

Kan walga’ii kana irratti argaman – itti-gaafatamaan waajira Komaand Poostii fi ministarri ittisaa Itiyoophiyaa – Obbo Siraaj Fageessaa, dheereffamuu labsii yeroo hatattamaa kanaaf dhimmoota sababaa ta’an mana-mareef ibsuu isaanii, maddeen oduu mootummaa Itiyoophiyaa gabaasanii jiran.

Baatiilee ja’an dabran keessatti, nagaa fi tasgabii haga tokko argame sadarkaa hin fonqolchamne irra geessisuu fi rakkoolee nageenyaa naannoolee biyyattii tokko tokko keessatti mul’atan to’achuuf ta’uu isaa hubachiisan – ministarichi. Uummati biyyattii labsiin hatattamaa kun akka dheeressamu fedhii qabaachuun isaas ilaalcha keessa galfamee jira – jedhu.

Manni-marees, wixinee labsii, kan akka labsiiin yeroo hatattamaa sun dheeressamuuf dhihaate eega qoratee booda sagalee guutuun raggaasisuu isaa, maddeen Korporeeshinii Broodkaastiingii Itiyoophiyaa sun gabaasanii jiran.

Akka heera Itiyoophiyaa, keeyyata sagaltamii-sadeetti, labsii tokko raggaasisuuf, mana-maree keessatti sagalee deggersaa, sadii keessaa harka lama argachuu qaba. Aangawoonni Itiyoophiyaa, labsii yeroo hatattamaa kana dheeressuun maaliif akka barbaachise dubbataa turan. Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Hayile-maariyaam Dessaalegni, dhiheenya walga’ii mana-maree biyyattii irratti ibsa kennaniin, “haalawwan akka humnoonni naga-eegumsaa biyyattii ajaja tokko jalatti qindaawanii hojjetan gaafatan guutummaatti hin dhabamne” – jedhanii turan.

Akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Fulbaana 28, bara 2009 kan labsame – labsiin yeroo hatatamaa kun, yeroon isaa xumuramuuf ennaa torban tokko hafetti ammas akka baatiilee afur ka biraaf dheeressamu, manni-maree biyyattiii har’a murteesse.

Labsii yeroo hatattamaa kana jalatti haga ammaatti, shakkamtoonni kuma digdama ta’an – kanneen jeeqamaa fi hookkaratti hirmaatan – jedhaman, hidhanii tursiisuu irra akka sirreessamanii gara hawaasaatti dabalaman taasisamuu, Boordiin Qorannaa, ka labsii yeroo hatattamaa beeksisee ture. Akka ibsa Boordii kanaatti, kanneen Bulchiinsota naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Kibbaa fi Magaalaa Finfinnee keessaa qabaman – shakkamtoota 26, 130 yoo ta’an, kanneen keessaa namoonni 475 gorsaan gad-lakkisamanii jiran. 4, 996 immoo adda-baafamanii ka seeratti dhihaataa jiran ta’uu ka beekise – Boordichi, kanneen 20, 659 immoo leenjii fudhatanii gad-lakkisamanii jiran, jedha.

Labsii yeroo hatattamaa har’a dheerate kana ilaalchisee, dhaaggeeffatoonni keenya hedduun yaada isaanii nuuf dhaamanii jiran.

Guutummaa gabaasichaa fi yaada dhaggeeffatootaa kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG