Xurree ittiin seenan

Breaking News

Labsiin Yeroo Hatattamaa Midhaa Nutti Hammeesse, jedhu - Jiraattonni Oromiyaa, Maqalee keessatti hoo?


Hirmaattota Irreechaa mormii agarsiisaa deeman, Bishooftuu, Oromiyaa, Onk. 2 2016
Hirmaattota Irreechaa mormii agarsiisaa deeman, Bishooftuu, Oromiyaa, Onk. 2 2016

Itiyoophiyaa keessatti Labsiin yeroo hatattamaa eega hojii irra oolee as haallii magaalaalee Oromiyaa adda addaa keessaa daran hammaataa adeemuu jiraattonni Awwadaay, Baddallee, Maqii, Jimmaa fi Najjoo dubbatanii jiru.Humnootiin waraanaa gaaffii tokko malee namoota hidhaatti guuruu, mana namaa cabsanii seenuu, qabeenya maallaqaa bilbila harkaa fi laap topii ykn kompuuta erga fudhatanii booda abbaa qabeenyaa sanas hidhu jedhan.

Sabaa himaa caqasuuf rakkoon akka jiru, barattoonni illee mana barnootaa deemanii barachuuf sodaa qaban irraa mana keessa oolu jedhu. Kanneen daldalli dadhabaa adeemuu isaan kan ka’e hegereen jireenya keennaa yaaddeessaa dha jedhu jiraattonni.

Gama kaaniin jiraattoota magaalaa Maqalee keessaa hangi tokko labsii yeroo hatattamaa hojii irra ooluu isaa kan ilaaleen gaafatamanii mootummaan duraan dursee ituu labse ta’ee badiin kun hunduu hin dhaqqabu ture jedhan. Ammas labsiin kun hojii irra eega oolee as bu’aa argamsiseera jedhu.

Akkuma kutaalee biyyatti mara keessaa firoottan qabnu yaaddoon keessa turre, amma garuu, haala foyya’aatu jira jedhu. Baahir daar keessatti badii guddaa dhaqqabeen maatiwwan kuma lamaa ol hojii-dhaa ala ta’anii akka turan, kunis maatii isaanii hojiin ala ta’e waan ittiin jiraatan akka dhaban gochuu isaa maqaa dhahuu jiraattonni magaalaa Maqalee fi Humaraa yaada kennaniin.

Gabaasaa guutuu kana cuqaasuun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG