Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nafii atileetotii lafa gaaraa jiranii okisjiinii diqqaa qusatee fiigaaf dafee hin dadhabne


Dr.Godaanaa Jaarsootii fi Dr.Guyyoo Waaqoolleen tanatti atileetota biyya Rift valley milkeesse jedhan

Afrikaan biyya beelaa fi hiyyuma,siyaasaa gara hin qamne qofaan beekamtuun miti.Afrikaan Gamii Bahaa biyya addunyaa irratti atileetota fiiganii hin dadhabne hedduu qabaachuun beekmatu.Atileetotii akka Daraartuu,Qananiisaa,Hayilee faan hedduun amma lafaa dhufuutti jiranilleen ta hagii guddaan naannoo Oromiyaatii dhufanii Itoophiyaan gama atileetiksiitiin beessisanilleen warruma achii bahe.

Adoo tana jennuu namii maaniif fiigee hin dadhabe,amala abbaan sun ufi barsiise moo,waan maatii irraa dhaalanitti jiraa moo, teessuma lafa jarii suun qubatuu moo maanti jira,nyaataa fi dhugaatii argatan moo maan?

Dr.Godaanaa Jaarsoo,ogeessaa fayyaa Hospitaala Adaamaati.Namii lafa tabbaa keessa qubatu amala tokko qaba jedhanii, saayinsiin maan arge jennaan.

“Wannii saayinsiin qoratee beeku tokko…qilleensii lafa gaaraa keessaa jiru diqqaa..nafii nama lafa sun keessa jiraatu oksijiinii sun qusannaan itti fayyadamuu barate..tanaafuu yoo fiigullee oksijiinii sun qusatee waan fiiguuf dafee hin dadhabu.”

Dr.Guyyoo Waaqoo Hospitaala University Naayroobii,Keenyaatti ogeessaa fayyaa haawwanii fi ijoollee dubraatii,achiin ammoo barsiisaa.Afrikaan gamii Bahaa maanii akkana atileetota hedduu qabaachise, jarii kun waan namii hin nyaanne nyaata moo...

“Laftii tun cuftii ta Rift Valley keessa qubattu tanaafuu nafa isaanii qilleensa kana barsiisanii barumsallee itti argatan malee nyaataa fi dhugaatiin qofaa namii fiigee dadhabuu hin didu.”

Akkuma taateefuu Afrikaan gamii Bahaa lafa atileetotii akka Abbebee Biqilaa,Maammoo Woldee fi miilotii isaanii hedduun itti dhalatanii wa nama agarsiisanii dabarn.Namii fiigicha ufi barsiisee badhaasa addunyaa mi’eeffate badhaasa gurrachumaa yaaha.

Mee waan qophii Ispoortii irratti Dr.Godaanaa fi Dr.Guyyoo gaafannee MP3 irraa nuu caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG