Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoofsi Uummataa Dabalaa Yeroo Deemu Oomishnis Akkasuma Dabaluu Qaba


Itiyoophiyaan beekumsa saayinsii ammayyaatiin fayyadamTEEi midhaan nyaataa ga’aa oomishuu fi qabeenya uumamaatti sIrriitti fayyadamuu ilaalchisee Qormaata darbuu waan dadhabdeef, jijjiirama qilleensaan wal qabatee rakkoo dhufu dura dhaabbachuun hedduu kan itti ulfaatu ta’uun ibsamee jira.

Kun kan ibsamees walgahii walakkaa guyyaaf Finfinnee keessatti gagggeefame irratti ture. Ibsa kana kan kennan badhaasa sagantaa nyaata adunyaa bara darbee kan argatan professar Gabbisaa Ejjetaa yoo ta'an, nyaata ga'aa Itiyoophiyaa keessattis ta'e iddo biraatti omishuuf kan barbaachisu saayiinsii fi Teknooloojii ammayyaan gargaaramu akka ta'e hubachisan.

Humni nama baratee achuuma biyya keessa turee muxannoo qabu dhalootatti hin dabarsuu taanaa, rakkoo keessaa ba'uun kan hin danda'amne ta'u u professar Gabbisaan hubachisaniiru. Gorsa biyya alaa irraa argamu qofaan milka'ina hin argamu jedhu.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG