Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komee Qabnu Dhiyeeffachuuf Embasii Itiyoopiyaatti Iyyannaan Reebichaa fi Hidhaan Deebii Nuu Kennan: Lammiiwwan


Lammiiwwan komee qabnan dhiyeeffachuuf embasii Itoophiyaa biyya Suudaan jiru fuulleetti hiriira geggeessan
Lammiiwwan komee qabnan dhiyeeffachuuf embasii Itoophiyaa biyya Suudaan jiru fuulleetti hiriira geggeessan

Lammiiwwan kanneen Sudan Kaartauum keessa jiraatan hedduun eeyama jireenyaa kan hin qabaanne ta’uu dubbatu.

Mootummaan Sudaan embaasii Itiyoopiyaa kan gamas jiru waliin ta’uu dhaan pound Sudan 250 baasanii waraqaa eenyummaa argachuu isaanii illee ibsanii jiran lammiiwwan kun. Yeroo ammaa garuu humni keenya kan hin dandeenye waraqaa kana haaressuuf pound 2500 akka baasnu gaafatamne, ta’uu baannaan garuu hidhaatti akka darbamnutu nutti himame jedhu.

Komee qabnu dhiyeeffachuuf embasii fuulleetti hiriira nuti geggeessine tarkaanfii humnaa nu irratti fudhatameen bittinnaa’ee hedduunis to’annaa jala oolan jedhan. Kanneen tarkaanfii kana fudhatan humnootii Itiyoopiyaa ta’uu illee lammiiwwan himataniiru.

Embasiin Itiyoopiyaa gamasii immoo gama keenyaan gatiin kun akka gad cabu tattaafii gochaa jirra jechuu dhaan himannaa lammiiwwan dhiyeessan kana haalee jira.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Komee Qabnu Dhiyeeffachuuf Embasii Itiyoopiyaatti Iyyannaan Reebichaa fi Hidhaan Deebii Nuu Kennan: Lammiiwwan
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:05 0:00

XS
SM
MD
LG