Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Jarmanii Affaar keessatti Iggitaman gadhiifamanii ?


Bulchiinsa naannoo Affaan Erta-Allee keessatti kan butaman lammiwwan Jarmanii lama gadhifamuu isaanii Addi Tokkummaa Waraaqsa Dimokraatawaa Affaar kan beeksise ta’us Ministriin dantaa alaa Itiyoophiyaa garu waaniin beeku hin qabu jedhe.

Dhaabbati oduu Ajaans Fraans Prees akka gabaaseetti maanguddonni Affaar lammiwwan Jarmanii kana aangawoota Jarmaniitti kennanii jiran.

Gama kaaniin garee mirga dhala namaaf falmu kan Affaariif prezidaantii kan ta’an Gaas Ahmad Nuur jarreen gadhifamuu isaaniif odeeffanno qubsaa qabna jedhu.

Ministriin dantaa alaa kan Jarmanii dhimma kana irratti hojjachaa kan jiranii fi kana caalaa ibsa biraa kennu kan hin feene ta’u Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsee jira.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun Dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG