Xurree ittiin seenan

Breaking News

Leelistootatu Caasaa Hawaasaatti Fayyadamee Biyyaa Jeeqa: Mumiicha Ministiraa Itoophiyaa


Muummicha ministeeraa Itiyoopoiyaa H/Maariyaam Dassaaleny
Muummicha ministeeraa Itiyoopoiyaa H/Maariyaam Dassaaleny

Sabaa himaaleen ragaa dogoggoraa facaasuu dhaan haasaa garee finxaaleyyii ka jibbiinsaa babal’isaa jiraachuu dhaan muummichi ministeeraa Itiyoopoiyaa H/Maariyaam Dassaaleny haasaa gumii walii galaa kan tokkummaa mootummootaa irratti kaleessa galgala dhageessisaniin beeksisaniiru.

Jijjiiramni haala qilleensaa balaa hongee fi lolaan bishaanii jireenya lammiiwwanii rakkoo keessa buusaa jira jechuu dhaan obbo H/Maariyaam dubbataniiru. Henok Semaigzer bakka sanatti argamuun gabaasee jira.

Muummichi ministeerichaa yeroo utuu hin balleessiin ture caasaalee hawaasaa haasaa isaaniin qeequu kan jalqaban.

Caasaaleen hawaasaa odeeffannoo wal jijjiiruu fooyyessuu akkasumas hirmaannaa bal’aaf waltajjii digitaalii akkuma inni diriirse akkasuma immoo dhiibbaa gaarii hin ta’in kan inni hirmaattota irra kaa’e callisamee ilaalamuu hin danda’amu jedhan.

Muummichi ministeerichaa haasaa isaanii keessatti nagaa fi tasgabbii addnyaaf akkasumas walitti bu’iinsaa fi waraana uumame ilaalchisee kanneen waan uummataaf quuqaman of fakkeessantu jeeqama hammaa ba’aa oofaa jira jedhan.

Odeeffannoo dogoggoraa caasaalee hawaasaan hagam akka salphaatti tamsa’uu danda’uu isaaf namoota hedduu keessumaa dargaggoota hegeree keenya ta’an kara kallattii dogoggoraatti ennaa geessu argaa jirra jedhan.

Muummichi ministeerichaa haasaa kana kan dhageessisan biyyi isaanii baatilee hedduu darban keessumaa ragaalee karaa caasaalee hawaasaan tamsaasamaniin ennaa raafamaa jirutti.

Humnoonni mootummaa Itiyoopiyaa hiriirtota nagaatti dhukaasuun akka ajjeesan gareeleen mirga namaa ibsaa turan. Oromiyaa keessatti erga jalqabamee waggaa tokko guutuuf kan jiru hiriirri mormii magaalaalee adda addaa keessatti geggeessamaa tureera. Naannoo Amaaraa keessumaa Walqaayit, Gonder fi Gojjam keessatti mormiin uummata babal’ataa dhufeera.

Ethiopian sabaa himaa dhuunfaa ukkaamsuu ishee gareeleen mirga gaazexeessotaaf falman qeeqanii jiru.

Gabaasni sagalee kinooti

Leelistootatu Caasaa Hawaasaatti Fayyadamee Biyyaa Jeeqa: Mumiicha Ministiraa Itoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:21 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG