Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abdii Kutaachuu Baannaan Milkaa’inni Hin Oolu


Liidiyaa Asaffaa, Godina Siyaatilitti miseensa mana marii magaala Federaal Weey.
Liidiyaa Asaffaa, Godina Siyaatilitti miseensa mana marii magaala Federaal Weey.

Dhalli namaa jireenya bu’aa ba’ii baay’ee keessa darbuu mala. Kaan fayyaa guutuu, kaan immoo ni dhibama. Kan dureessa kaan ni iyyooma. Kaan immoo qaroomee kaan doofummaatti hafa.

Kana mara keessatti abdii kutachuu dhiisuun hegeree ofiitti abdii hora. Keessummaan keenya har’aa ka silaa daandiin jireenyaa isaan keessa darban milkaa’ina bira akka hin geenye dhorkuu ture, ejjennoo cimaa isaan qaban hegeree isaaniitti Abdii Hore. Daa’imummaatti jalqabi isaanii waan abdii hin qabne fakkaatus. Har’a garuu milkaa’aniiru. Aadde Liidiyaa Asaffaa jedhamu. Walagga bahaa aanaa Beegii ganda xiqqoo tokko keessatti dhalatan. Har’a nama umuriin waggaa 54 ti, aadde Liidiyaa Asaffaa. Waggoota 38 dura carraa barnootaa argataniin gara Ameerikaatti godaanan. Aadde Liidiyaan yeroo ammaa kutaa Ameerikaa Siyaatil Waashington keessa jiraatu.

Obbolaa dhiira tokkoo fi durbaa lama achuma Begii keessa jiraatan kan qaban yoo ta’u haadha ijoollee dhiiraa sadii ti. Abbaan koo waggoota 25 dura du’aan boqote, haati koo aadde Aasiyaan garuu amma iyyuu lubbuun jirti jedhan. Aadde Liidiyaan adeemsa jireenyaa cimaa keessa darbanii har’a magaalaa kutaa Siyaatil wahington keessaa jiru kan Federal Way jedhamuuf angawaatuu mootumaa ta’uun hojjetu. Umurii isaanii daa’imummaatti maatiin isaanii hospitaala keessatti dhiisanii galan.

Ergan Begii dhaa umurii isaanii baatii lama ykn afuran ta’a ba’anii booda hospitaala Dambi Dolloo keessan turan. Umuriin isaanii waggaa ja’a ennaa ta’u barnootaaf gara Finfinneettan geessame. Achi irraa qabee Finfinnee jiraatan. Achi mana barnootaa sadarkaa lammataa Akaadamii kitaaba qulqulluu Adaamaatti baratanii isa booda gara Ameerikaa dhufan.

Umuriin isaanii baatii sadii ennaa turetti haati isaanii ennaa nyaata bilcheessituu dhukkuba gaggabdoo qabu waan tureef ibidda keessatti darbatan. Maatiin isaanii hospitaalaa isaanitti dhiyoo ture gara hospitaala Dambi Dollootti geessan.

Maatiin isaanii harka qalleeyyii waan turaniif gargaaruu hin dandeenye. Miilli isaanii lamaan gubatee daariqa uumameen irraa murame. Kanaf maatiin isaanii achuma hospidtala keessatti dhiisanii deemuuf dirqaman. Har’a aadde Liidiyaan angawaatuu mootummaa kutaa Ameerikaa kan Siyaatil Waashingten keessaa tokko ta’uun hojjetu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:22 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG