Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkinna baqattoota Oromoo ka Liibiyaa fi Yemen jiranii


Baqataan Liibiyaa duruu rakkoo akka akkaa himata.Amma fa biyya ufiifuu lola hamaa keessa jirtutti rakkoo gama lamaa keessa jira.Jarii nu dubbifnelleen rakkoon jritu ta duriillee caalaa hamtuu jedha.

Akka jecha jaraatti yoo gadi bahan deebi’uun dhiba waan taateefii nyaataa fi dhugaatiillee ka harkaa qaban soorachaa achiin ammoo lubbuu ufii eegatan.Yemenilleetti rakkoon jirtu tanuma fakkaatti.Warrii Yemenitti baqatelleen mana gadii baanaan du’aa fi jireenna jidduu yaaha.Tana irratti akka namii biyyaa ormaa biyya sunii bahu doorsilleen keessaan jira.

Akka obbo Huseen Usmaan Liibiyaa Trippoolii jedhanitti dhiyoo tana nama Itoophiyaa haga 50 tahu qawween hadhanii manaa baasani.Jarii kun yoo bahellee mi’a ufiillee gatee lubbuun keessaa bahe.

Akka itti gaafatamaa hawaasa Oromoo ka Yemen jiruu obbo Aammee Abdiitti rakkoon Liibiyaa irra Yemenillee hin hanqattu jedhu,”…rakkinnii Sanahaa jirullee guyyaa guyyaatti hammaachaa deemuutti jira.”



Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG