Xurree ittiin seenan

Breaking News

Looltonni Wataaraa deggaran Televiziyoona biyyattii dhunfatan.


Abijaan keessatti looltonni Allassan Wattaaraaf amanamoo ta’an mana prezidaantiicha duraanii aangootti cichanii jiranii marsanii jiru.Wal waraansi hamaan dhaga’amaa jira. Garuu Bagboon mana keessa jiru yoo tahe waan beekamu hin jiru. Looltonni Wataaraa deggaran Televiziyoona biyyattii kaleessa dhunfatan.Baagboon deggertoota isaanii waliin yeroo qoosanfaa agarsisaa ture.

Humnootiin Baagboo to'annaa dirree xayyaara biyyattii humnoota Wattraatti kennanii jiru. Hoogganaan ajajoota humnoota waraanaa maatii ofii waliin mana Ambassadara Afrikaa kibbaa gamas jiruutti baqatan.Mr Wattaaraan garu waraanni mootummaa akka isaanitti dabalamu gaafatan.

Baatii muddee darbee rakkoon siyaasaa kun eega uumamee as nama 500 ta’utu ajjeefame kan jedhu Tokkummaan mootummootaa, kunis Baagboon ba’ii filannoo komiishina filannoon labsamee Tokk mootummotaa irraa illee deggersa argate fudhachuu diduu irraa ka madde tahuu dubbata. .

Gam alameen siviiloota miidhuu dhaabanii Baagboon aangoo jiru Wattaaraaf akka gadhiisan Barreessaa-dureen Tokk Mootummotaa Ban Kiimoon gaafatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG