Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tweeteriin Trump Deddeebisan Imaammatatti Jijjiramaa laata? Mootummoota Awrooppaa


Tweeteriin Trump Deddeebisan Imaammatatti Jijjiramaa laata? Mootummoota Awrooppaa
Tweeteriin Trump Deddeebisan Imaammatatti Jijjiramaa laata? Mootummoota Awrooppaa

Mootummoonni Awrooppaa kan haaraa prezidaantummaa Ameerikaaf filataman Donald Trump xumura torban darbee gaazexaalee Awrooppaa lamaaf ibsi kennan imaammatatti jijjiramuu fi dhiisuu isaa xiinxaluuf yaalaa jiran.

Trump white Housiin seenuun isaanii dhiyaachaa ennaa dhufe kanatti yeroo duula filannoo isaanii gamtaa Awrooppaa fi kan yeroon itti darbe ittiin jedhan NATO irratti qeeqa dhiyeessaa turan ni tasgabbeessu jedhanii abdataa ka turan ta’uu hoogganoonni Awropaa ibsaniiru.

Ilaalchi isaanii kanneen haaraa filataman angawoota naga eegumsaa isaanii hanga tokko waliin keessumaa ministeera ittisaa isaanii General Games Mats waliin walitti dhiyaataa deema jechuun yaadachiisanii turan hoogganoonni kun.

jeneraalichi torban darbe Senetii duratti dhiyaachuun dhuga ba’umsa kennaniin prezidaantiin Raashiyaa Vladmir Putin tokkummaa warra dhiyaa diigaa jiru jechuun yakkan. Utuu NATOn jiraachuu baatee har’a hundeessuutu nu irraa eegama ture jedhan.

Haa ta’u malee Trump gaazexaa London Sunday Times fi gaazexaa Germany Bildf ibsa kennaniin gamtaa Awropa fi NATO qeequu itti fufuun isaanii kan akka ministeera dhimma alaa Germany Frank Walter Steinmeier-n mufachiiseera. Kan Trump waa’ee NATO dubbatan kan ministeerri isaanii haaraa filataman ka dubbatan waliin wal dha’a jedhan ministerichi haajaa alaa Jerman Frank Walter.

XS
SM
MD
LG