Xurree ittiin seenan

Breaking News

Artistoonni Oromoo Lama Sababaa Hidhamaniif Hin Beeknu Imaanaatu Nutti Kenname: Poolisii Magaalaa Adaamaa


Weellisaa Keekiyyaa Badhaadhaa
Weellisaa Keekiyyaa Badhaadhaa

Aartistoonni Oromoo lama godina Shawaa Bahaa magaalaa Adaamaa kessaa Roobii darbe humnooti mootummaan bakka hojii isaaniitii qabamanii hidhamuu isaanii waahiloota isaanii hojii keessaa akkasumas miseensonni maatii nuuf himanii jiran.

Weellisaa Keekiyyaa Badhaadhaa fi ogeessa muuziqaa Xilaahuun Tolaa sababaan hidhamaniif hanga yoonaa maal akka ta’e quba hin qabnu kan jedhan hiriyoonnii fi Haati warree Xilaahuun wellistuu Waaritee Barii akka nuuf himanitti Poolisii gaafannus sababaa hidhamuu isaanii kan nuuf ibsu hin arganne jedhan.

Kan Raadiyoon Sagalee Ameerikaa haasofsiise ajajaan poolisii magaalaa Adaamaa Komaander Genneneew Xibebuu Tolosaa hidhamuun aartistoota kanaa maaliif akka ta’e ofii isaaniif quba kan hin qabaanne ta’uu dubbataniias nu bira kan jiraniif Imaanaatu nutti kenname jedhan.

Gabaasa guutuuf kana cuqaasaa

Artistoonni Oromoo Lama Sababaa Hidhamaniif Hin Beeknu Imaanaatu Nutti Kenname: Poolisii Magaalaa Adaamaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:28 0:00

XS
SM
MD
LG