Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Finfinnee fi Ijaarsa Ishee


Magaalaa Finfinnee keessaa dachiin kun ijaarsa biilsaalee fi hojii misoomaaf barbaadama jechuu dhaan naannolee manneen diigamaa jiranii komeen dhiyaataa jira.

Gidduu kana naannoo Araat Kiiloo jedhamuu manneen diigamanii jiru. Daandileen babal’achuuf biilsaaleen ijraarmaa waan jiraniif jecha geeddramni argamaa jira. Yaaddoon kana irraan kan ka’e qe’ee isaanii irraa godaananii garuu akkuma jirutti jira.

Kanneen manni bakka buufameef maallaqi kennameef qe’ee isaanii irraa kan kaafaman jiru. Akkuma kanaan immoo egereen isaanii maal akka ta’e kan hin beeknes ni jiran.

Namoonni manni nu irratti diigame jedhan kun akka himatanitti akeekkachiisi tokko illee utuu nutti hin kennamin mirgi lammummaa keenyaa nu irraa mulqamuu dhaan alatti gatamne jechuun himatu. Mootummaan rakkoo keenya kana nuuf haa ilaalu jechuunis iyyannaa isaanii dhiyeeffatu.

Beellama nuu kennanii nu deddeebisaa utuu jiranii akka tasaa nu irra ba’uu dhaan manni kun ni diigama wayita nuun jedhan naasuu guddaa naane kan jedhan jiraattonni magaalaa Finfinnee battala mana itti gallu eessaa arganna jechuu dhaan aarii fi boo’ichaan dubbatu.

MP3 tuquun gabaasa guutuu dhaga’a.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG