Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dararaa Hamaatu Mana Hidhaa Itiyoopiyaa Keessatti Na Irratti Raawwate: Habtaamuu Ayyaalew


Dararaa Hamaatu Mana Hidhaa Itiyoopiyaa Keessatti Na Irratti Raawwate: Habtaamuu Ayyaalew
Dararaa Hamaatu Mana Hidhaa Itiyoopiyaa Keessatti Na Irratti Raawwate: Habtaamuu Ayyaalew

Dubbi himaan paatii tokkummaa duraanii Obbo Habtaamuu Ayyaalew maqaa qorannaatiin dararaan irratt raawwate rakkoo fayyummaa kan amma keessa jiraniif na saaxile jedhu. yaada isaanii ibsuu ennaa eegalan lammii Itiyoophiyaa isa kamiifuu hidhaan mallattoo lammii dammaqaa ta’ee ti jedhan.

Yeroo dheeraa qabee keessumaa IHADEG aangoo erga qabatee mallattoon nama mirga isaa gaafatu tokkoo hidhamuu, ari’atamuu fi ajjeefamuu dha jedhan.

Anis MAEKELAAWWii-tti ergan hidhamee qabee baay’ee suukaneessaa kan ta’e hanga har’aatti qaam akoos yaada sammuu koos kan na madeesse yakka guddaatu na irratti raawwate jedhan.

Dararaa na irratti raawwate kaan immoo safuu lammummaa kootu na daangessa waan ta’eef hin dubbadhu jechuu dhaan kanneen dararaan irratti raawwate itti hammaatee lubbuun isaanii darbe illee jiru jedhan.

Sirni kun darb iyyuu dararaa isaan raawwatan seenaa keessatti ka’ee yaadatamaa jiraata jedheen yaada jedhan obbo Habtaamuu Ayyaalew.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Dararaa Hamaatu Mana Hidhaa Itiyoopiyaa Keessatti Na Irratti Raawwate: Habtaamuu Ayyaalew
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:41 0:00

XS
SM
MD
LG