Xurree ittiin seenan

Dhukkuba Sombaa FI Busaaf Falli Haaraan Argamaa Jira

  • VOA

Nama dhukkuba Sombaan qabame irratti qorannaa arifachisaa kan daqiiqaa 100 qofa fudhatu gaggeessuun mala dhukkubichi jiraachu fi jiraachu dhaba isaa baruun itti danda’amu kan argate tahuu Jaarmayaa Fayyaa Adunyaa(WHO)n beeksisee jira.

Jarmayaa kana irraa Mario Raviglione akka jedhanti,qorannaan haaraan kun argamuun namoota dhukkuba sombaa irra dawaan fayyuu dadhaban kanneen miliyoona heddu ta’aniif abdii waggoota darban 20 ykn 30 keessatti hin argamiin kenna.

WHO keessatti kutaa dhukkuba somabaa irrati hojjatuuf ka qindeessaa ta’an Dr.Karin Weyer akka dubbataniitti, biyyonni Afrikaa hangi tokko meeshaa haaraa kanaan qorannoo gaggeessu jalqabanii jiru.Biyya dhukkubi HIV/AIDS itti hammaatu kan akka Afrikaa kibbaa keessatti, namonni dafanii dhukkuba sombaan qabamuu isaanii baranii dawaa fudhachuu waan jalqabaniif, lakkofsii namoota du’anii gad cabuu danda’ee jira jedhu, Dr.Weyer

Karoorri jiru meeshaan kun biyyoota kan biroo kan akka Lesootoo, Itiyoophiyaa, Swazilaand fi Ugaandaa akka hedduminaan dhaqqabu gochuu dha.
Meeshaa haaraan kun dhuma irratti, biyyoota adunyaa dhukkuba sombaan akka hamaatti midhaman 27 keessatti raabsamuuf jira.

Gama kaaniin immoo talaaliin farra dhukkuba Busaa haaraa kan dhukkubichi Tiruu namaa otuu hin seeniin dura ittisuu danda’u hojjachuuf, gamtaan tokko carraaqaa jira.Jaarmayaan fayyaa adunyaa akka tilmaameetti bara 2008 keessa, adunyaa irratti namoonni miliyoona 200 fi miliyoona 47 dhukkuba Busaan kan qabaman yoo ta’u Afrikaa keessatti immoo dhukkuba kanaan seekondii 45 keessatti daa’ima tokkoo tu du’a.

Bokee ykn Biinniin dhukkuba Busaa daddabrsituu yeroo nama hidditu, dhukkuba kana hidda dhiigaa namaa namaatti naquun sana booda dhukkubichi tiruu lixa.Akka Tiruu hin seenne ittisuun danda’amnaan, dhukkubichi lafa itti wal horuu dhabee dhukkuba ta’uu hin danda’u, kanaaf iddoon itti ittifamuu qabu ituu tiruu hin seeniin dura ta’uu qaba jedhu hayyonni saayinsii.

Tallaalii haaraa hojjatame kun dargagoota Afrikaa kanneen biyyoota Afrikaa Uffee Sahaaraa gadii keessa jiran kuma 16 irratti yaalamee, dhibba irraa harka 50 bu'aa quubsaa argamsiisee jira.Biyyoota Afrikaa kanneen Uffee Saharaa gadii, sababaa dhukkuba Busaan dinagdeen isaanii laamsha’eef talaaliin haaraan kun dhukkuba kana dursee ittisuun, lubbuun namoota 900 silaa waggaa waggaatti dhumuu male tajaajiila fayyaa fi dinagdee akka argatu gargaara jedha akeeki jiru..

Tallaaliin dhukkuba Busaa ittisuuf kennamu kun,akkuma talaaliwwan ka biroo da’immaniif erga dhalatanii booda kennamanitti kennamuufiif jira.

MP3 tuquun guutummaa gabaasaa kanaa dhaggefadhaa.

XS
SM
MD
LG