Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Mana Hidhaa Qilinxoo Itti Gaafatama Fudhachuu Qaba: Komiishina Mirga Namaa Itiyoophiyaa


Bulchiinsi Mana Hidhaa Qilinxoo Itti Gaafatama Fudhachuu Qaba: Komiishina Mirga Namaa Itiyoophiyaa
Bulchiinsi Mana Hidhaa Qilinxoo Itti Gaafatama Fudhachuu Qaba: Komiishina Mirga Namaa Itiyoophiyaa

Balaa iddaa mana hidhaa Qilinxoo irra ga’ee fi miidhaa dhaqqabeef miseensonni bulchiinsa mana hidhaa Sanaa akka itti gaafataman komiishinni mirga namoomaa Itiyoopiyaa mana maree bakka bu’oota Itiyoopiyaa koree dhaabbataa dhimmootii bulchiinsaa murtii haqaaf gabaasa dhiyeessee jira.

Sababaa dhibee garaa baasaa fi haqqisaa ariifachiisaan kan ka’e nyaati alaa ol hin seenu maqaa jedhuu murtii mana hidhaa sanaan kanneen mufatan hidhamtoonni hookkara kaasan ittiin ka’umsa godhachuu dhaan laayterii ibidda ittiin qabsiisaniif alaa seenaniin ibiddi sun ka’uu gabaasichi ibsee jira.

Hidhamtoonni kunis ibidda sana jalaa milisuuf yaalii utuu godhanii waardiyyaalee mana hidhaatiin dhukaasi itti banamuu isaaf gaaziin imimmaansu illee alaa itti buufamuu gabaasichi tuqee jira.

Itti dabaluu dhaanis hidhamtoonni ibidda jalaa miliquuf yaalan lama rasaasaan ennaa ajjeefaman saddeet immoo madaa’aniiru jedhameera. Kana ilaalchisee bal’inaan qophii keenya borii keessatti itti deebina.

XS
SM
MD
LG