Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Qabaman Eessa Geeffaman? Gabaa Mandii Maaltu Gube? Gaaffii uummata Mandii.


Hiriira Mormii Oromiyaa (Faayilii)
Hiriira Mormii Oromiyaa (Faayilii)

Wixata darbe Bitooteessa 21 bara 2016 daandiin Finfinnee ka’e gara Asoosaatti geessu cufamuu isaa hordofee barattotaa fi Barsiisoonni hedduun hidhamuu isaanii jiraattonni ibsanii jiru. Kanneen hidhaman keessaa kaan galgaluma gaafa Sanaa gadhifamuu isaanii fi barattonnii fi barsiisonni 17 buufata polisii magaalaa Mandii irraa eessa akka geeffaman hin beennu jedhu Jiraattonni .

Maatiin jarreen kanaa nyaata kan geessan ta’us dhabuu isaanii fi eessa akka dhaqan yeroo gaafatanittis waajirri polisii hin beeknu jechuun akka gara manaatti isaan deebise ibsan. Garuu Itti gaafatamaan waajiira polisii Mandii Inspektar Sandaabaa Iddoo biraa waaniin jiruuf dhimmi kana kan ilaaleen odeeffannoo hin qabu jedhan.

Gama kaaniin lafa gabaa Mandii keessatti godoon daldalaa walakkaa kan gubame ta’uun ibsameera. Bulchiinsi magaalaa gubachuu isaa amanee sababaan isaa hin beekamin jira jedhan. Namoota qabamanii iddoo biraatti geessaman jedhaman mootummaatu barbaada malee waan biraatti hidhata hin qabu jedhan bulchaan magaala Mandii Obbo Saamueel Senbataa. Shamarran 14 fi dhiiroonni 4 hidhamanii gaafuuma sana gadhiifamuu mirkaneessanii jiru. Mootummaan ammaan dura lafa gabaa sana gara naannoo staadiyoomitti geessuuf akka jiru yeroo ibseetti uummanni mormii dhageesisee ture gabasa jedhu Obbo saamueel dhara jedhu.

Guutummaan gaabaasa kanaa kunooti.
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:00 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG