Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manneen barnoota Oromiyaa Asallaatti dorgommii Ispoortiitti jiran.


Arsii Asallaatti dhiyoo tana keessummaa hedduutti walti dhufe.Barattootii godina Oromiyaa cufa keessaa dorgommii Shaampiyoona manneen barnoota sadarkaa lammeessoo Oromiyaatiif walti dhufanii ispoortii gosa torbaatiin dorgommuutti jiran.

Akka jecha obbo Addunyaa Barii biiroo Ispoortii fi Daragaggoo Oromiyaatti dorgommiin akkanaa akka dargaggootii amala midhaaffatanii araadaa fi waan akka akkaa irraa ufi eegan tolchuuf.

“Tana malee akka isaan qooqaa fi aadaa wal irraa baratan tolchuuf,”jedhu.

Walumattuu akka jecha obbo Addunyaatti nama haga 2000 tahutti naannolee gara garaatii dorgommii tanaaf dhufe. Tana malee dorgommiin akkanaa tun akka ispoortiin manneen barnootaatti yayyaba argattee guddattu tolchuuf akka obbo Addunyaatti.

Dargaggootii tun dorgommii tana guyyaa kudhaniif dorgomanii abbaan moohate badhaasa argata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG