Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Marii Oromiyaa Kan Kana Dura Raggaasise Labsii Magaalaalee Meessaa Keeyata Sadii Haquun ibsame


Adaamaa, Oromiyaa
Adaamaa, Oromiyaa

Labsiin magaalalee kun naannoo sana keessatti ittiin ka’umsa mormii keessaa tokko ta’uun ni yaadatama. Keeyattoonni kun kan haqamaniif miidhaa waan qaaataniif utuu hin taane uumata biraa gaaffii waan dhaqqabsiiseef ta’uu dubbi himaan naannochaa Feqaaduu Tesammaa VOAf ibsaniiru.

Waggaa kana kan geggeessame waggaa hojii caffee Oromiyaa waggaa tokkoffaa fi wal ga’ii lammffaa irratti labsiin raggaasisame mormii naannoo kana keessatti ka’eef ittiin ka’umsa keessaa tokko.

Utuma hin raggaasisamin gaaffii kan kaasise labsiin magaalaalee Oromiyaa kun komee master plaanii waliin wal qabatee mormii dhiiga dhangalaasise dhaqqabsiise.

Labsiin sun kan ba’e magaalaa Finfinnee fi master magaalaalee addaa Oromiyaa hojii irra oolchuuf akka ta’e lammiiwwan gaaffii kaasan itti amanu.

Caffeen Oromiyaa torbee wal ga’ii geggeesseen labsii kana keessaa sadii haqee jira. Kanaaf sababaan hubannoon hanqachuu fi hawaasicha biratti shakkii dhaqqabsiisuu isaa ta’uu itti gaafatamaan waajjira dhimmootii kominikeeshinii Oromiyaa obbo obbo Fiqaaduu Tasammaa VOAf ibsaniiru.

Akkuma mastar plaanichaa uummatichi hamma hin barbaannetti, kan faayidaa qabu ta’us fedhii uummatichaa kan guutuu fi misoomaaf kan yaadame ta’us, uummati hin barbaanne taanaan dhaabachuu qaba jechuun murtii irra akkuma ga’e, dhimma kana irratt ejjennoo akkasii fudhachuun hin danda’amu. Uummataaf ibsanii labsii kan baase caffee waan ta’eef dhimmoota shakkii uuman irratti adeemsa seeraa bifa eegeen dhiyaatee marii bal’aan erga irratti geggeessamee booda gaaffii uummataa deebisuun barbaachisaa ta’ee waan argameef kanaaf deebii kenneera.

Kanaafis deebii ennaa kennu, akkam iyyuu gaarii haa ta’u waan uummatichi hin simanne hojii irra oolchuun sirrii waan hin taaneef gaaffii uummataaf kabajaa qabaachuun barbaachisaa dha.

Keeyata haqame keessaa tokko walitti makamuu magaalaalee kan ilaallate ta’uu obbo Fiqaaduun fakkeenya tuquun ibsaniiru.

Keeyati haqame ka biroon jedhan obbo Fiqaaduun magaalaaleen ennaa walitti makaman maqaa itti moggaafamu ilaallata. Dhimma kana irrattis maqaa jijjiiruun seenaa fi aadaa naannolee balleessa qeeqi jedhu dhiyaatee jira.

Caffeen Oromiyaa Labsii Bulchiisa Magaalotaa Keessaa Keeyyatoota 3 Haquu Isaa Beeksise. Mormitoonni Garuu Kun Ga’aa Miti, Jedhu

Labsii Bulchiinsa magaalaalee Oromiyaa caffeen yokaan Manni-maree naannawichaa keeyyatawwan sadii jechuun, waa’ee magaalaalee walitti-dabaluu, waa’ee maqaa jijjiiruu fi waa’ee magaalaaleen Oromiyaa guguddoon “Regio-politan” jedhaman, galii isaanii Mootummaa Federaalaaf galchuu fi baajeta mootummaa federaalaa argachuu keessaa haqee, akka haaraatti raggaasise kana, paartiileen momitootaa maal jedhu?

Itti-aanaqa dura-taa’aa Kongiresa Federaalawa Oromoo Obbo Mulaatuu Gammachuu, Finfinnee irraa deebii kennaniiru.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadha.
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:22 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG