Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Itiyoopiyaa beellama himatamtoota mormitootaa ammas yeroo biraatti dabarse


Mana murtii Federaala Itiyoopiyaa
Mana murtii Federaala Itiyoopiyaa

Manni murtii Federaalaa dhaddachi 19ffaan Hagaya 14 bara 2007 murtii kennetti mufahcuu dhaan abbaan alangaa murtii sana mana murtii walii galaan erga uggursiisee Hagaya 15 as himatamaa fi qaamni himate yeroo jalqabaaf wal argan.

Galmeen kan obbo Habtamu Ayalew faa jedhamu ennaa waamamutti hoogana paartii Tokkummaa duraanii kan tuaran obbo Habtamuu Ayalew, obbo Daaniel Shibeshii, Arena irraa obbo Abredhaa Destaa fi Semawawi paartii irraa obbo Yeshiwas akkasumas obbo Abraham Solomon dhiyaachuu isaanii dhaddachichatti beeksisaniiru.

Abukaatoon obbo Habtamu Ayaaleew fi obbo Abrhaahamis Solomon obbo Amehaa Mekononis dhadachichatti dhiyaachuu beeksisan.

Haa ta’u malee manni murtichaa himatamtoonni kun dhaddacha kanaaf akka dhiyaataniif waraqaa waamichaa kan ittiin hin geenye ta’uu beeksisee dhimmi isaa dhiyaachuu fi dhiisuun waan hin murtoofneef abukaatoo kan ta’an obbo Ameha Desta akka deeman itti hime.

Manni murtichaa itti aansuu dhaan mana murtii gad aanaa irratti iyyannoo abbaan alangaa dhiyeeffate dhaggeeffateera. Manni murtii gad aanaan jedhe abbaan alangaa ragaa teekinikaa himaamtoota irratti dhiyaate sirriitti utuu hin madaalin fudhatama waan dhabsiiseef himatamtoonni shanan walaba jedhamuu hin danda’an jedha.

Manni murtichaas iyyannaa sana erga dhaga’ee booda murtii itti aanu dhageesisuuf Onkoloolessa 18tti beellama ka biroo kennee jira.

Obbo Hambaamuu Ayyaaleew, obbo Daani’el Shibeshii, obbo Abrahaa Destaa obbo Yeshiiwaas Asaffaa fi obbo Abrhaam Solomon himannaa abbaan alangaa irratti dhiyeesse ofi irraa ittisuun utuu hin barbaachisin walaba akka gad dhiisaman manni murtii Federaalaa dhaddachi 19ffaan hagaya 14 bara 2007 murteessuun ni yaadatama. Obbo Habtaamuu Ayyaalew fi obbo Abrhaam Solomon guyyaa sana akka akka hiikaman ajajamus hanga har’aatti uggura mana murtii ol aanaatiin kan hin hiikamne ta’uun beekameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG