Xurree ittiin seenan

Breaking News

EDEPAn Mootummaan Tarkaanfii Oromiyaa Keessatti Fudhatu Haadhaabu Jedhe


Loogoo Paartii dimokraasummaa Itiyoopiyaa
Loogoo Paartii dimokraasummaa Itiyoopiyaa

Paartiin dimokraasummaa Itiyoopiyaa IDEPAn raabsa gargaarsaa lammiiwwan hongeen miidhamanii irratti loogiin geggeessamaa jirajechuun, ibsee jira.

Gama biraan Rakkoo Oromiyaa keessatti uumame furuuf mootummaan tarkaanfii humnaa fudhatu akka hatattamaan dhaabu hubachiisee jira.

Miidhaa qabeenyaa fi lubbuu namaa irra ga’e kan qoratu qaammi walabaa akka hundaa’u gaafate – Paartiin mormituu kun.

Mootummaanis gama isaatiin rakkoo oromiyaa keessaa kanaaf sababaan, dhabamuu bulchiinsa gaarii ta’uu isaa fi kana sirreessuuf akka hojjetaa jiru beeksisuun isaa ni yaadatama jechuu dhaan Meleskachew Ameha, Finfinnee irraa gabaaseera.

Paartiin dimokraasummaa Itiyoopiyaa EDEPAn ibsi ejjennoo kaleessa baase dhimmootii biyyaa lama irratti kan fuuleffate. Kana keessaas tokko biyyattii keessatti hongee mudate ilaalchisuun ejjennoo inni qabu mootummaan lammiiwwan hongeen miidhamaniif gargaarsa godhu cimsee akka itti fufu kan gaafatu.

Itti aansuu dhaanis raabsii gargaarsa kanaa hordofuu dhaan raabsiin kun kan haqaa fi loogii irraa walaba ta’uu isaa mirkaneeffachuun barbaachisaa dha.

Raabsii gargaarsa kanaa irrattti bulchaawwan loogii oofan qoratamanii tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu gaafanna jedha ibsi paartichaa.

Miseensi hoji raawwachiiftuu fi itti gaafatamaan qorannaa paaritchaa obbo Waasihuun Tesfaye VOAf ibsa kennaniin haalli kun eessa eessatti akka raawwatame ibsanii kanneen akka Qobboo keessatti haalli loogii midhaan raabsuu kun jiraachuu tuqaniiru. Midhaan raabsamu xiqqaachuun rakkoo isa guddaa dha jedhan.

Bulchitoonni naannoo ilaalcha siyaasaa qofaa utuu hin taane midhaan gargaarsaa xiqqoo dhufu namoota akkuma beekanitti, firummaan raabsanii waan fixaniif kanneen biroo hankaaka jedhan obbo Waasihuun.

Obbo Waasihun itti dabaluu dhaan hongee yeroo ammaatti aansee rakkoon uumame akkaataa qabiiinsa lafaa ta’uu paartiin isaanii cimsee kan amanu ta’uu dubbatan.

Rakkoon bu’uuraa inni guddaan sana. Akkaataan qabiinsa lafaa Itiyoopiyaa hanga hin jijjiiramnetti qonnaa qofaa utuu hin taane yeroo ammaa argaa kan jirru walitti bu’iinsa Oromiyaa fi bakka birootti kan mull’atu wal qabsiisnee ilaaluun ni danda’ama.

Qonnaan bulaan abbaa lafaa hanga hin taanetti rakkoo akkasii furuun hin danda’amu. Mootummaan yoo barbaade lafa isaa irraa buqqisaa, yoo barbaade immoo ka biroof kenna. Rakkoon bu’uuraa isa kana jedhan.

Mormii Oromiyaa keessaa ilaalchisee paartiin IDEPA ejjennoo qabu bal’inaan ibseera. Kana keessaa mootummaan ilaalcha itti kennuu kan inni qabu dhimma kana gara tasgabbiitti fiduuf akkasumas tarkaanfii gara nagaatti geessan fudhachuu dha jedhu obbo Waasihuun.

Tokkoffaa mootummaan rakkoo jiru furuuf tarkaanfii humnaa fudhatu hatattamaan dhaabuu qaba. Tarkaanfii humnaan ba’iin hin argamu. Inni kaan immoo lubbuu namaa haala Kanaan bade kan qoratu qaama walabaa sirrii ta’e dhaabuu dhaan ba’ii isaa uummatatti beeksisuu qaba. Inni sadaffaan mootummaan qaamotii dhimmi isaa na ilaallata jedhan waliin marii haqaa geggeessuu qaba. Balbala cufatee kaadireewwan isaa qofa walitti qabee marii fakkeessaa geggeessuu dhaan rakkoon jiru furamuu hin danda’u. marii sana irraa ba’ii argamus simachuu qaba.

Mootummaan badii uumame maraaf itti gaafatama fdudhachuu isaa obbo Waasihuun tuqanii itti gaafatama qaamni fudhate seeraanis gaafatamuu qabn. Kanaafis itti gaafatama seeraatu irra jira jedhan. Rakkoo uumame kana salphisuu dhaan dhabamuu bulchiinsa gaarii jedhee akka bira darubuu irraa mootummaan akka of qusatu ibsi ejjennoo paartii EDEPA yaadachiiseera.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadha.
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:05 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG